17 Aug 2026, 13:31 UTC506 views5 reactionsread 17 August 2026 Imalli kee ulfaataa ta'uu danda'a; garuu nama ta'uu akka qophooftee sana si uumaa jira. Rakkooleen har'a si mudatan humna, ogummaa fi obsa si keessatti ijaaraa jiru. Kanaaf abdii hin kutin; tarkaanfiin ati har'a fudhattu hundi gara mootummaa kee boriitti si geessaa jira.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤3🥰2
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
17 Aug 2026, 13:29 UTC515 views4 reactionsread 17 August 2026 Guyyaa hunda duubatti dhiisuun gaariidha;
akka bishaan yaa'uutti, gadda irraa bilisa ta'uun.
Kaleessi darbeera; seenaa isaa xumureera.
Har'a ammoo sanyiin haaraan ni faca'a, ni biqila.
— Rumi
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤2🥰2
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
4 Aug 2026, 19:17 UTC≈2,190 views33 reactionsread 17 August 2026 Yeroo rakkoo hedduu keessa jirtu, nama tokko wajjin haasa'uu barbaaddee, garuu nama kamiiyyuu jeequu ykn dhiphisuu hin barbaadne, kun gosa dhukkubbii addaati. Kanaafuu, kophaa kee taa'uun yaada kee keessatti liqimfamta; wanta keessa kee jiru hundumaa ofuma keetii baatta.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤19🥰6👏5🙏2😭1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
4 Aug 2026, 19:17 UTC≈2,050 views19 reactionsread 17 August 2026 Hiriyyaa si deeggaru qabaadhu ykn hiriyyaayyuu hin qabaatin.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤14🥰3🔥1🙏1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
29 Jul 2026, 19:01 UTC≈3,140 views40 reactionsread 17 August 2026 Waan tokkoon tokko ofiif waadaa galte hunda hojjechuu yeroo jalqabdu ofitti amanamummaa argatta.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
🥰21❤11👍7🔥1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
29 Jul 2026, 18:44 UTC≈2,870 views21 reactionsread 17 August 2026 Namni hundi maatii yeroo yeroon isa gaafatu hin qabu. Namni hundi warra isa dhaggeeffatan yookaan obboloota isaaf yaadan hin qaban. Namoonni tokko tokko imimmaan isaanii ofii isaanii haqachuu, harka ofii isaanii qabachuu fi injifannoo isaanii kophaa isaanii kabajuu barataniiru; sababni isaas, isaan if namni harka rukutuuf tokko illee hin jiru.
Kanaaf, gara laafina qabaadhu. Namaaf laafina agarsiisi. Ati eenyu akka …
❤8🥰6👍4👏2🔥1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
28 Jul 2026, 11:51 UTC≈2,900 views30 reactionsread 17 August 2026 Rakkoon ni jiraata. Namoonni si shakkan ni jiraatu. Dogoggorri ni uumama. Garuu yoo jabaattee hojjatte, daangaan siif hin jiru.
— Michael Phelps
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤22🥰4🙏2👍1🔥1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
27 Jul 2026, 16:48 UTC≈2,810 views32 reactionsread 17 August 2026 Na dhaggeeffadhu sirriitti. Wanti si mudatu eenyummaa kee hin murteessu; akka ati isaaf deebii kennituutu si ibsa. Ati Rakkoo kee caalaa jabaadha; dogoggora darbe hunda walitti ida'amuu isaa caalaas ati guddaadha.
Abbaan kallattii jireenya keetii situ Si'i; waan jijjiiramuu hin dandeenyetti hidhamaa hin ta'in. Ati loltuu callisaa, waraana keessoo keetii injifachaa jiruudha.
Mataa kee ol qabadhu. Ofii keetiif dhiisi…
❤22🥰5👍3🙏2
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
25 Jul 2026, 19:48 UTC≈3,140 views23 reactionsread 17 August 2026 Yeroo tokko booda, eenyutu nu biraa deeme yookaan eenyutu nu bira ture jechuun yaaddoo keenya keessaa ni ba'a. Kana booda nageenya keenya, guddina keenya fi tasgabbii keenya irratti caalaatti xiyyeeffanna. Kunis waan dogoggoraa miti; mallattoo bilchinaa fi of kabajuu dha.
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤17👏3👍2🔥1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
25 Jul 2026, 19:47 UTC≈2,840 views12 reactionsread 17 August 2026 Qoosni masaraa keessa yoo seene, mootummaa hin ta'u; mootummaa sanatu qoosaa ta'a.
—Turkoota
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
❤10🎉1🥰1
Signed Be silent.(Imran) ⚕️
22 Jul 2026, 15:04 UTC≈3,860 views13 reactionsread 17 August 2026 ○ Falfala(sihrii) nama tokkotti yeroo hajjattan nama san jiruu isaa jalaa balleessuu dandeessan, yeroo hanga takkka booda garuu falfalli san warra nama dalage kana keessa deebi'eeti gara adda addaatiin isaaniifii ilmaan isaanii irraa kafalama.
Yoo akka tasaa maatii teessan keessaa nama wahii tokkotti aaranii ykn hinaafanii nama tokko irratti falfala(sihiri) isaanii dalaguuf deemu argitan harka qabaatii dhoorkaa. Yoo…
❤5🥰5🔥2👏1
Signed Abdet
21 Jul 2026, 20:53 UTC≈3,260 views33 reactionsread 17 August 2026 Photo
ㅤ
ㅤ
ㅤ
"Maatii dureessa irraa hin dhufne, karaa nu dura tole irra deemaa hin jirru. Waa lama keessaa takka:- ykn dureessa ta'een seenaa koo kana jijjiira ykn odoon yaaluun du'a. Garuu abadan fadhii lubbuu kiyyaa jala deemee odumaan taa'uu taa'umsatti hin kufu" kuni waadaa yoomuu hin jijjiiramne !
@Jechootahayyoota
🥰19❤9👏2🙏2🔥1
Signed Abdet
Showing the 12 most recent of 22 posts we hold for @jechootahayyoota. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.