10 Apr 2026, 15:19 UTC60 views4 reactionsread 8 August 2026 Sababasaa nattin himtuu jala murtee
Maal rakkattee gala turte
@
Si eeguuudhaan na miidheera aariin sarbee
Utuun obsuu aduun lixee waariin darbee
@
Maaloo kottu
Nagaa bade natti waami
Ariifadhu!
Garuu hafnaan natti dhaami
@
Yaada keetin onnee kiyya hin dharraasin
Diddee turtee garaa kiyya hin rarraasin
🔥4
Signed Desta SD
3 Apr 2026, 18:27 UTC89 views4 reactionsread 8 August 2026 Erga guddina koo
Aariidhaan finiinee
Erga bofa ta'ee
Faana koo ciniinee
@
Boolla awwaalcha koo
Erga qotuuf yaadee
Ofii gad fageessee
Burqaa koo cuqqaaluuf
Erguma dhama'ee
Kosiif balfa geessee
@
Hiriyaa fakkaatee
Jechiif ilaalchisaa
Hamminaan makaadha
Hiikaansaa kanuma
Waan feete yoo jettes
Namni naaf maqaadha!
Desta
Join
@Walalookoo1
@Walalookoo1
❤4
Signed Desta SD
6 Mar 2026, 19:13 UTC116 views3 reactionsread 8 August 2026 ✍️Madaaf rakkina kee
Abbaa argitetti baaftee hin ibsatin
Hangam fagaatullee
Galma kaayyoo keerraa
Ija hin libsatin
##
Madaa keetiif qorsa
Argachuun hin oolu
Hangasitti dhiigi
Hanguma kaayyoo kee
Harkaan qabattutti
Hangasitti fiigi
##
Hin kenniniif gurra
Wanta biyya lafaa
Tuffadhuutii dhiisi
Gaaf duute boqodhu
Uffata ulfinaa
Uffadhuutii ciisi
##
Waan nama qabdu seeta
Hiriyaa fakkeessituun
Har'a sitti rigata
Gaafa rak…
❤3
Signed Desta SD
21 Dec 2025, 17:06 UTC147 views3 reactionsread 8 August 2026 Dargaggeessi joonja'eetu ulfa fuudha
Silaa akka seera uumaaf kun safuudha
Jal'ootatu kichuu gogse seeraniitu
Intalatu haadha gorse seera miixuu
Kijibatu bishaan godhe dhagaa mooqee
Miillumatu ol deebi'ee mataa hooqe
Gochi malaammaltumaa
Guutummaa biyyaa jeeqe
Namni tokkon baranne
Profeesera qeeqe
Tuffiitu lafa dhaalee
Oftuulumaan biqila
Barataan muraasatee
Barsiisaatu kitila
Gootummaatti lakkaa'a
Morma waliisaa qal…
❤2👍1
Signed Desta SD
16 Dec 2025, 13:06 UTC145 views4 reactionsread 8 August 2026 DURII FI AMMA
Dur,
Qote bulaan dachaa galcha kokkoteetu
Bishaan baatee lagaa galcha okkoteetu
Hojiin hundi fagoof dhiyoon kan daboodha
Mucaan dubraa kan uffattu wandaboodha
Dur bunnillee waliin kufa itti dhoobee
Ilaaluuf si gomjaasisa bifti boobee
Hara,
Obbolaa keenya jibbina
Diina seenee
Ooyruun garaa jabaate
Ni maseene
Utuu wal cinaa qabanii duriif amma
Garaaf dugda,lafaaf samii,xuriif damma😢
Join
@W…
❤4
Signed Desta SD
19 Nov 2025, 15:17 UTC173 views7 reactionsread 8 August 2026 JABAADHU!
❤️
Jetteetu gaddita,
Inni cufame kun
Naaf banamaa laata?
Ofii kee jijjiiruuf,
Maatii kees jijjiiruuf
Garba namaa taata
Firrillee si dhiisee cita garasitti
Hiikaan jireenyaayyuu
Bita gala sitti
@
Garuu abdii hin kutin!
❤️
Rakkina kan jedhame
Bifashee hunda bartee
Ifa arguudhaaf jirta
Dukkanni kun dabartee
@
Waan hundumaan guutuudha
Maal beekta harka rabbii
Biiftuun ulfinaa baatee
B…
❤6🔥1
Signed Desta SD
12 Nov 2025, 14:38 UTC160 views4 reactionsread 8 August 2026 Yoom kakate?
@
Haalonni naannoo koo marsee
Na gaafata gaaffi xaxaa
Akkan dhugee of wallaaluuf
Xoofoo gaddaa naaf hiixataa
Gonkumaa cittee hin baddu
Dhugaa yeroodhaaf qal'atti
Dambaliin har'a na raasu
Bor ni jijjiira kallattii
@
Biyyi lafaa nama aarsu
Tokkoof tolee tokko dhaanee
Kan har'a haayyota raasu
Bor ni darba goggodaanee
@
Kun matumaa hin milkaa'u
Isa jedhu jecha baadhee
Harki gooftaa na tumsinaan
Har'a ga'e ja…
❤2👍2
Signed Desta SD
7 Oct 2025, 06:13 UTC201 views5 reactionsread 8 August 2026 Miindaa malee
@
Irraa baraa kan guddatte
Aadaaf safuu lammii nagaa
Si waliin gaafan imalu
Bifan tola nan miidhaga
Kee bareeda uumamaati
Faaya mormaa miti huccuu
Dargaggootu si dharra'a
Si godhachuuf niitii,michuu
@
Akkaataa jireenya keetii
Yaa naatoo kee na guggubuu
Yoo adeemtus naamusaani
Akka waan lafti dhukkubuu
Ariifataa dhaabachiisa
Jaalalli kee hidhee kottee
Kottuu dheebuu baasi maaloo
Onnee kiyya si dheebotte
…
❤4🔥1
Signed Desta SD
28 Sept 2025, 11:17 UTC204 views8 reactionsread 8 August 2026 Uumaan inni si uume
Sirraa haa fuudhu simboo
Fagootti haa ajaa'u
Fooliin kee akka timboo
Jedhee siin hin arrabsu
Yaa karkarroo yaa dhaddee
Sammuu kiyyas hin jeequ
Jiraachuu kee yaadadhee
@
Uursaadhaaf sagalee kee
Akka gurmuu titiisaa
Homaayyuu akkan goone
Amaneetuman dhiisa
Silasoo hin milkooftuu
Ofii diigamtee kuftaa
Naan mormitee dadhabdee
Ofii sii gamtee dhuftaa
Guyyaan kee darbee sokke
Akkuma mi'a jaaraa
Silayyuu…
❤5🔥2👍1
Signed Desta SD
14 Sept 2025, 16:10 UTC215 views4 reactionsread 8 August 2026 https://youtu.be/GtyxaL7tFkM?si=Ku8TYQk97R65vsma
❤2👍1🔥1
Signed Keenboon
13 Aug 2025, 07:57 UTC228 views9 reactionsread 8 August 2026 Haasaa Ogummaa
Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.
Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.
Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla…
❤7👍2
Signed Keenboon
29 Jun 2025, 13:43 UTC235 views1 reactionsread 8 August 2026 https://youtu.be/l1ft9ZBhj3Y?si=hSGNwMVcPkTow4nG
❤1
Signed Keenboon
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @Walalookoo1. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.