17 Sept 2026, 03:47 UTC≈1,890 views1 reactionsread 19 September 2026 #Yoota'es
Mootiin biyyaa lafaa ka'ee
Gaafa waraana du'aa labsu
Rakkoon ka'ee dhaabatee
Bara ol adeemaa karaatti cabsu
Biyyis biyya irratti ka'ee
Gaafa namni dhugaa dabsu
Seerri toora irraa maqee
Yoo kakuun imimmaan cobsu
Waaqatu jira isa xixinnoo gorsu
Xiyyaarri fiigee ijoollee isaan dursu!
Dadhabaa Waaqni tirsu
Xiyyaarri fiigee hin dursu
Channel keenya #join godhadhaa!
Telegram #Qaroo_Waamaraa
Link channel keenyaa…
❤1
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
16 Sept 2026, 17:49 UTC50 viewsread 19 September 2026 Forwarded from @ForAllthingsEye
Baalli geeshoo goge
Baqilaaf maal muru
Garaa jaalalaaf ooge
Akkamiin obsaanii bulu
Kanaaf
Hin himadhu jedheen
Qofaa koo jeeqama
Utuun dhoksuu yaaluu
💎 Narratti beekama
Ammas
Hin nyaadhu jedheen
Dhoksee kutadhe
Sin yaadu jedheen
Dhoksee gubadhe
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
15 Sept 2026, 19:36 UTC83 viewsread 19 September 2026 Forwarded from @ForAllthingsEye
Safuu Namaaf❗
namni 🪚 fi 🧷dha.
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
12 Sept 2026, 12:36 UTC126 viewsread 19 September 2026 Forwarded from @ForAllthingsEyePhoto
Guyyaan ati eegaa turte, gaafa dhiyaatu bari'uun halkan tokkoo, torbee tokko sitti ta'a.!
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
9 Sept 2026, 17:28 UTC158 viewsread 19 September 2026 Forwarded from @ForAllthingsEyePhoto
Si jaallachuun koo filannoo koo miti, inni carraa samii irraa naaf kenname fi hiika jireenya kootiiti.
Namaan jaalatamu miti, nama jaalachu keetin nama gaarii akka taatu hubadhu.
Jaalalli Dhugaa Gatii Dhugaa Nama baasisa.
Maal Wayyaa?
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
19 Aug 2026, 21:20 UTC293 viewsread 19 September 2026 Gaafa qabdu
Ol kaatee samii keessa baraarta
Gaafa dhabdu
Guyyaa dhalachuu kee abaarta
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
3 Aug 2026, 12:26 UTC397 views2 reactionsread 19 September 2026 Photo
Osoo yeroon hin darbiin jireenya kee itti gammadi.
Osoo wantoonni duubatti sin hambisiin duubatti hin hafiin!
Dhiifama
❤2
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
1 Aug 2026, 12:04 UTC399 views5 reactionsread 19 September 2026 Dogoggorri koo inni Guddaan Namoota maqaa koo qofa beeku qaban Eenyummaa koo, Amala koo, Gola jireenya koo isan beeksisuudha!
❤3👍2
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
4 Jun 2026, 14:35 UTC575 viewsread 19 September 2026 Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu*. *2 Bau 15:2 *3 Far 36:8-9; Zak 13:1
Macaafa Isaayaas Raajichaa 12:3
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
3 Jun 2026, 20:26 UTC575 viewsread 19 September 2026 Wal fayyaduu caala
Wal miidhuu filanne
Utuu waliin fiignuus;
Wal argaa hagabnee
Waliinis dhokannee
Erga wal dhokannee
Maaf wal hamannee
Wal argaa hanqannee
Jechoota tarreessaa
Eenyutti, Maal, himuu
Nan deema si dhiisee
Utuuma natti cimuu!
Siin jedheera Burte!
Keessakootti boo'aa
Yaada koo Uggurte
Qalbiiko keessa lo'aa
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
12 May 2026, 20:43 UTC655 views2 reactionsread 19 September 2026 Photo
Hubadhuu anaaf beekii
Tilmaamaan gahii bakkaa
Dawaan dhukkubakootii
Michuu kiyya si harkaa
Hunduma naa caaltaa
Tasa hin qabdu qixxee
Nama mara dursitee
Onneekoo walakkaa lixxee.
Akka callee mormaa
Laphee koorra teessaa
Tokkicha amma kumaa
Amman jedhu naa geessaa!
Galgala jaalalaa💔
👏2
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
12 May 2026, 20:38 UTC507 viewsread 19 September 2026 Photo
Siifan dhaba jechoota
Kanan ittiin si ibsu
Addunyaa kana gubbaa
Fakkaattiinkee hinjirtu
Si badhaasee Uumaan
Garramummaaf amala
Waa'ee kee dubbachuuf
An jechootan dhaba
Naaftaateen siargee
Ati anaaf qabeenya
Mootii onneekootii
Gaaddisa jireenyaa
Signed Yoo'obsan Abebe Abate
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @HireefKiyyaa. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.