14 May 2020, 11:52 UTC≈33,200 viewsread 10 August 2026 Jaalalakee natti ibsa
Ani walaloo hin barreessu
Jaalala keetif malee
Jechootaa hin filu
Hin beekusi yaalee
Ajab yaa jaalalakee
Isa jechoota mijeessu
Yaadan na waadee
Jechoota naaf bilcheessu
Isa ani of beeku caala
Yaada keessa koo baru
Isa ani hin dandeenye
Kan humna koo ol taru
Qalbii koo qal'isee
Jaalalakee furdisa
Keessa koo banee
Onneerraa si dubbisa
Na waadee na waxalee
Jechoota gurmeessa
Haalakee dubbatee
…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
27 Apr 2020, 01:28 UTC≈1,040 viewsread 10 August 2026 Ishiirraa argamaa
...
Gola onneekee seeneen
Mil'adhe bitaa mirgakoo
Asiif achiin oliif gadiin
Naaf ta'e yaadakoo
Jecha dhabeefin
Ajab jedhee ol tare
Bareedina harka uumaas
Ani sirrattin bare
Simannaan ol seenee
Xiqqoo ol dhi' aadhe
Buufata teessuma koo
Naaf bocamen argadhe
Mirga koorran kutaa biraa
Bakka jibba itti dhiqatani
Bitaa kootirraan kan biraa
Bakka deebii itti argatani
Duraa fi duubni koo
Mandhee jaalal…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
11 Apr 2020, 08:30 UTC525 viewsread 10 August 2026 Sticker
Sticker, posted without a caption
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
8 Mar 2020, 01:51 UTC985 viewsread 10 August 2026 Immiyyee tiyya jettee
Natti himnaan si'a dhibba
Anoo baayyee si amaneem
Akkamiin danda'ee si jibbaa?
Miila narra diriirfattee
Kaabaa amma kibbaa
Sin jaaladha osoo jettuu
Naaf kuustekaa atoo jibba
Shiraan dirra koo gubdee
Takkaa jilba na buusaa
Summii yaada keetinis
Haqa margiikoo guusaa
..
Osoo naaf dandaa'amee
Keessa kan kee argee
Waa'ee daba kee kanas
Osoo dirra koorra margee
Gara laafina koo dhiisee
Silaa of irra…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
2 Mar 2020, 11:17 UTC206 viewsread 10 August 2026 Onnee madoofte
***********
Qubee funanee
Jecha fi jecha walitti ida'ee
Siif barreessuun yaala
Hanga waraqaan Danda'e
*******
Qalama koo fudhee
Gaafan jecha tarreessu
Garaan na raafamee
Iji imimmaan qabachu hin dandessu
*********
Garaachi Koo iyyee
Mar'ummaantu na waca
Dhiiga kootu dhaabatee
Tirata akka Qocaa
*********
** too! Onnee kee keessan lixa
Naaf kenni furtuu balbalaa
Fuula kees natti hin gudunfin
Maaloo! Adar…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
16 Feb 2020, 18:11 UTC869 viewsread 10 August 2026 Si malee eenyuree?
Situ Onnee kootii
Ishee laphee jalaa
Yoon maqaa si dha'e
Turee narraa galaa
Kanaaf an siin wabii
Jiruu koo godhadhee
Sumattin of kennee
Hedduu si abdadhee
Naaf hubadhu rakkoo koo
Amanee kanin hin shakkinee
Jaalladhee kanin hin gaabbine
Argu malee kanin hin obsinee
Si malee eenyu ree x2??
..
✍✍✍✍
@gizexmd
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Michuu_Times
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
14 Feb 2020, 18:09 UTC≈1,340 viewsread 10 August 2026 Happy Valentines Day!
..
Kan har'aan nu geesse
Bara egereetinis nu ga'i
Kan warra kabajeef
Tiksee jaalalaa ta'i
Warra hin qabneef moo
Mala jaalalaa dha'i
Waan valentine Dayn na goote
Bara couple ta'en dubbadha
Yoon kanaan itti fufes
Gaafa single Dayn baafadha!
..
Harki dabaree wal dhiqa jechumaafi... 😂🤣
✍✍✍✍
@gizexmd
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Michuu_Times
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
14 Feb 2020, 16:51 UTC826 viewsread 10 August 2026 Dhugaa sin jaaladha
❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Jaalala kee argachuuf
Gaara yaadaa garagalchee
Jaalalaatee mi'ooftuu
Onnekoorra siif biqilchee
Kophaa koo si jaaladheen
Jaalala dhugaa dhalchee
Gartokkee jireenya kootii
Bar si qofaan utubamaa
Manyeen isaa mul'atee
Sumaan maaf ugguramaa??
Si jaaladheen malee
Maafan si yaada dhibbaa
Dhiphadhee miidhamuun koo
Si argachuuf si dhabuu jibbaa
Meeqatu na barbaadee
Guyyaan natti dhi'aataa…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
13 Feb 2020, 17:26 UTC737 viewsread 10 August 2026 Siin bareeda manni koo
..
Homaa hin qabu
Ani maalan qaba
Si qofa qabaannan
Ani maalan dhaba
Hordituu onneetoo
Ibsituu jireenyaa
Homaa Yoon dhabeeyyuu
Ati naaf qabeenyaa
Haalotni kee martuu
Haalan wal tumsanii
Natti mul'atu
Keessakoo hiriiranii
Waa'ee kee dubbatu
Wal jalaa qabanii
Kuullee maddii jiitu
Yoon namni si miidhellee
Deebistee nama hin miitu
Ishii jibba gaaditee
Jaalalaan nama hiitu
Fayyaa naaf ta'i
Hamtu…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
12 Feb 2020, 20:49 UTC624 viewsread 10 August 2026 Kaleessa
..
Adeemsa kaleessatu
Daandii har'aa ta'a
Kaleessarraa hambisee
Kan har'aan nama ga'a
Osoon kaleessa badee
Har'a maalan argaa?
Firiin kaleessan dhufe
Isa har'aarratti margaa
Inni har'aas taa'ee
Kan isa boruutti darbaa
...
Hundinuu guyyaa qabaa
Obsuun waan gaaridhaa
Har'a keessan laaltanii
Kaleessa hin abaarinaa
Sitti fakkaate malee
Kaleessikee har'aarra
Isa boruuf caalinaa??
...
✍✍✍✍
@gizexmd
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
12 Feb 2020, 18:38 UTC633 viewsread 10 August 2026 Biiftuu koo
❤️❤️❤️❤️❤️
Kan har'a koof yaadu
Boruu koof hiixachuufi
Har'a koo tolfachuun
Boru hiixadhee laalufi
Biiftuu koo har'a lixxe
Boru baatin ishiin beeka
Abdii kutee hin beeku
Kanaafan ishii eegaa
Lixa ishii har'aa ilaalee
Baha ishii hin habaaru
Borus achumaan dhufti
Rabbis na haa gargaaru
...
Biiftuu koo
✍✍✍✍
@gizexmd
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Michuu_Times
@Michuu_Times
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
11 Feb 2020, 22:24 UTC584 viewsread 10 August 2026 Tokkummaan humna
Shirri gandummaadhaa
Jaarraa ol nu gabroomse
Afaan tokko osoo beeknu
Afaan wal nu wallaalchise
Karaa bal'aarraa nu maqsee
Xurree qal'oo nu bobbaase
Sabakoo guddaa oromoo
Gulantaa gadiitti deebise
.. Gaafa..
Gaafa tokko taanee
Miila lamaan dhaabbanne
Gadi bu'i ol ba'ii kana
Ofirraa isa galaafanne
Burraaqna qe'ee keenyarra
Gaara gaaran dhoksinee
Godaannisa harmeef moo
Lammii ofiitti obsinee
Abdii kee…
Signed ɢⁱᶻᵉˣ ⓩ ʙᴇⓢᴛᴏ
Showing the 12 most recent of 18 posts we hold for @michuu_times. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.