3 Aug 2026, 16:22 UTC156 views3 reactionsread 7 August 2026 Yaanni heddummaatee
Garmalee dhiphattus
Fayyaa gaarii dhabdee
Yeroo dhaaf dhibamtus
Utuu waan balleessin
Firumaan jibbamtus
Harki kee waa dhabee
Hiyyummaan rakkattus
Abdii hin muratin
Kan si uume irraa
Boossee itti himannaan
Ni fuudha inni sirraa
Kan Rakkina boodan
Dhufu bal'oo tahuu
Beekii obsi rakkoo
Ammaaf sirra gahuu
Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐๐
https://t.me/hamzahassen1
โค2๐ฅฐ1
Signed Hamza HM ๐ค
3 Aug 2026, 15:43 UTC147 views2 reactionsread 7 August 2026 Wahiin taajjabutti jira
Waan taheefuu moojii,
Ija fagootiin mil'adhee
Hubachuun anaaf hoji,
Akka qeerrensa baddaa
Akka leenca gammoojjii,
Riphee qaamaan sasee
Qaroo ergee qalbii wajji,
Xiyyeeffannoo kennee,
Gaafaan sirritti ilaalu,
Waan hedduun hubadha
Qoricha jabaa na yaalu.
Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐๐
https://t.me/hamzahassen1
โค1๐ฅฐ1
Signed Hamza HM
3 Aug 2026, 09:10 UTC155 views3 reactionsread 7 August 2026 ABSHIR!!
Rakkinni barbaree ta'ee
Gaafa si haxxiffachiisu qufaa
Harkakee olqabdee
Rabbitti iyyuu qofaa
Gaafa isatti iyyitu
Si agarsiisa daandii
Hojjechuu dandeessa
Maal ati namaa gadii?
Rabbiikeetti hirkattee
Gaafa buutu karaa
Siif salphachaa dhufa
Inni akka gaaraa
Jireenyi gaafa ulfaatu
Keessa keetti akka arbaa
Jabaattee hojjennaan
Yoomillee ni darbaa
Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐๐
https://t.me/hamzahassen
โค2๐ฅฐ1
Signed Hamza HM ๐ค
3 Aug 2026, 09:02 UTC157 views4 reactionsread 7 August 2026 Ibaadaakee jaallatee
Milkii zalaalamaa
Sihaamilkeessu rabbiin
Sirraa qabee zaalima
.....โโโโโโ
โค3๐ฅฐ1
Signed Hamza HM ๐ค
30 Jul 2026, 21:09 UTC306 views7 reactionsread 7 August 2026 Dhiigaan si nyaachisaaโ๏ธ๐
๐ชก๐ชก๐๐ชก๐ชก๐๐ชก๐ชก
Yoo ciniinte nama๐งโโ๏ธ
Sareen ๐ miila qabdee,
Maaltu sirraa nama
Yoo obsuu dadhabde ๐ค
Namni qabu harkaa
Uleen haa haleelu, ๐ซ
Kuuniis laalee arkaa
Boruuf sin kajeelu,
Dhiitii gamas buusi
Guyyuma si laalte,
Harma haadhaa guusi
Yoo tola wallaalte,
Yoo maraatte sareen๐
Lubbuu teetiif sodaa,
Hanga ifii bareen
Siif saffara qodaa,
Tuffattee yoo dhiifte
Garee deemtu garaaf,
Hurre sitti bโฆ
โค5๐ฅฐ2
Signed Hamza HM ๐ค
29 Jul 2026, 21:11 UTC279 views4 reactionsread 7 August 2026 An harka kankeen eeggadha
Hin eeggadhu kan namaa
Kennaa harka namaarras
Keetu naaf amanamaa
Namni xiqqoo naa hiixatee
Har'a yoo nabaases rakkoo
Bor kokkee kiyya qabee
Fiddamoon fiddu waankoo
Jedhee nagaafachuun isaa
Bulee nafu gaaftokkoo
Kanaaf ati yaarabbiikoo
Osoo jiruu balballikee
Hulaa namaa nandhaabin
Ballaadha rahmannikee
Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐๐
https://t.me/hamzahassen1
โค2๐ฅฐ2
Signed Hamza HM ๐ค
28 Jul 2026, 20:38 UTC309 views5 reactionsread 7 August 2026 Waan hedduutuu jira
Nuti jechuu feenaan,
Garaa duwwaa hafa
Mara tufuuf ceenaan,
Sanumaafuu arraata
Qusachuun gaarii taha,
Sardamaan futtaaftu
Hamtuu sirraa bahaa,
Dhandhachi tokkumaa
Foon guutuu balleeysa,
Kanaafuu jechootaas
To'achuun barbaachisa.
Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐๐
https://t.me/hamzahassen1
โค3๐1๐ฅฐ1
Signed Hamza HM
28 Jul 2026, 19:31 UTC287 views7 reactionsread 7 August 2026 Rabbi nuuf haa tolchu
Dabduu nuuf sirreysee
Nurraa haa qajeelchu
Jiruu nuuf miidhaysee
๐คฒ๐คฒ๐คฒ๐คฒ๐คฒ๐คฒ๐คฒ๐คฒ
โค7
Signed Hamza HM
28 Jul 2026, 14:06 UTC282 views4 reactionsread 7 August 2026 ๐ฅWalalooโ
๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ๐ฐ
Uffata gaarii dhabee
Yeroon uffadhu moofaa
Hiyyuumaa duruu beektu
Oliif gad nama oofaa
Ati gamootti galtaa
Manni koo ta'us hulaa
kankee kadhaa hin dhufuu
Isuma keessan bulaa!
Bifti koo daalachaa'us
An garuu mitiim doofaa
Mana kootii immoo hin qabuu
# Firaashii gaariif #soofaa !
Waan namaas hin barbaaduu
Natti fidiinaa dhiisaa
An #keeshaa koo afadheen
Gammadee kolfaa ciisaa
Jiruun koos nattiโฆ
โค3๐ฅฐ1
Signed Hamza HM
Channel photo updated
27 Jul 2026, 15:05 UTC268 views6 reactionsread 7 August 2026 Photo
Lij Iyyaasuu โ:
Mootii haqaa
Hoogganaa sirrii
Akka jara kaanii
Kan hin yaanne sharrii
Wal kan hin caalchifne
Amantii fi saba
Kan yoomuu haqa malee
Hin dubbanne soba
Abbaa ejjannoo dhugaa
Abbaa onnee qulqulluu
Yartuun waan feete jettus
Dharri dhugaa hin awwaalu
Warri sammuun zeeroo
Warri seenaa hin qabne
Warri hammeenya malee
Waan gaarii hin yaanne
Warra miidhaa raawwachuun
Isaan gammachiisu
Warra seenaa hin qabโฆ
๐ข3๐2โค1
Signed Hamza HM ๐ค
Channel name was changed to ยซ๐ก๐๐๐ซ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐ ๐๐๐ฆ'๐๐ญ๐ฎ๐ฅ ๐ค๐ก๐๐ฒ๐ซ๐ข๐ข๐กยป
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @hamzahassen1. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked โ was rounded by Telegram before we ever saw it โ t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so โ1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.