6 Sept 2024, 06:17 UTC≈1,250 views15 reactionsread 8 August 2026 Photo
👉Kiristiyaanoo Roonaaldoon tapha Neeshiinsi Liigiitiin halkan edaa Poorchugaal fi Kirooshiyaan taphatan irratti goolii 1 lakkoofsiisuun waliigalaan goolii lakkoofsise 900'n gaheera.
👉Urjichi kubbaa miillaa CR7 riikardiiwwan fooyyessuun sadarkaa kubbaa miillaa olfannisuu akkuma itti fufetti jira👏
@goalinetalks
❤12👍3
2 Sept 2024, 19:00 UTC≈1,200 views2 reactionsread 8 August 2026 Photo
#transferupdate
✅ Vikter Oosimeen ergisa waggaa tokkoof turuun kilaba Turkiyyee Gaalaataasaraayitti imaluuf waliigaleera.
👉Ganna kana Chelsii, fi PSG dabalatee kilaboota Saawudiitiinillee barbaadamaa kan ture Jifataan warra Naayijeeriyaa Osimeen, gatii Naappooliin taphatichaaf gaafatu garmalee olka'aa ta'uusaarraan kan ka'e mariin hedduun waliigaltee malee adda citeera.
👉Barana Naappoolii keessa turuu akka hin bar…
❤2
2 Sept 2024, 12:01 UTC858 views3 reactionsread 8 August 2026 Photo
#Laliga #Week4
👉Gabateen qabxii Laaliigaa Ispeen taphoota torbee 4ffaan booda kana fakkaata.
👉Baarseloonaan taphoota hunda injifatee qabxii 12 walitti qabachuun ni dursa.
👉 Riyaal Maadiridii fi Atileetikoo Maadirid qabxii 8 walitti qabachuun itti aanu
@goalinetalks
👍2❤1
2 Sept 2024, 10:57 UTC723 viewsread 8 August 2026 Photo
#PremierLeague #Week3
👉Whoscored taphattoota 11 torban kana gahumsa bareedaa agarsiisan jedhe ifa godheera.
👉Liiverpuul taphattoota 4 filachiisyyn dursa qabateera.
@goalinetalks
2 Sept 2024, 10:53 UTC531 viewsread 8 August 2026 Photo
#PremierLeague #Week3
👉Taphoota torbee 3ffaan booda gabateen qabxii piriimiyer liigii Ingilizii kana fakkaata.
👉Maan Siitii fi Liiverpuul taphoota sadan injifachuun qabxii 9 walitti qabachuun #1ffaa fi #2ffaan dursaa jiru.
👉 #4ffaa - Arsenaal, qabxii 7
👉 #11ffaa - Chelsii, qabxii 4
👉 #15ffaa - Maan Yuunaayitid, qabxii 3
@goalinetalks
2 Sept 2024, 10:49 UTC476 viewsread 8 August 2026 Photo
#transferupdate
❌️ Arsenaal gaaffii Al Itiyaad kufaa taasiseera.
👉 Kilabni Saawudii Al Itihaad Liyaandiroo Tiroosaardiin Arsenaal irraa fudhachuuf £35M kan dhiyeessan yoo ta'u, Arsenaal taphaticha gurguruu akka hin barbaanne beeksiseera.
👉Leenjisaa Biraayten duraanii Roobeertoo Diizeerbii wajjiin wal dhabuusaa hordofee jijjiirraa Amajjii bara 2023 tiin Arsenaalitti kan makame Tiroosaardi, taphataa murteessaa Arsen…
1 Sept 2024, 18:52 UTC499 viewsread 8 August 2026 Photo
Leenjisaan Maan Yuunaayitid Eerik Teen Haag kilabicha keessatti seenaa gadi aanaa galmeessuu itti fufaniiru
🔴 Maan Yuunaayitid taphoota piriimiyeer liigii shanan darban dirreesaarratti Liiverpuul wajjiin taasise keessaa sadiin moo'ameera, taphoota 18 duraan taasise keessaa garuu yeroo sadii qofa moo'ame.
🔴Maan Yuunaayitid baroota dorgommii shanan darban keessatti yeroo sadiif taphoota sadan jalqabaa taasise keessaa…
1 Sept 2024, 17:48 UTC589 views2 reactionsread 8 August 2026 Photo
#PremierLeague #Week3
👉Darbiin laankishaayer olaantummaa Liiverpuuliin goolabameera.
👉Niwukaastil Jeemsi Paarkitti Tootinaamiin waamuun goolii 2 fi 1'n injifachuun yoo gaggeessu, Chelsiin Kiristaal Paalaas faana qabxii qooddateera.
👉Tapha cimaa torbee kanaatiin immoo masaanuusaa yeroo dheeraa Liiverpuuliin Ooldi Tiraafoorditti kan simate Maan Yuunaayitid goolii 3 fi 0'n injifatameera. Taphichaan Mohaam…
👍2
31 Aug 2024, 18:57 UTC479 views3 reactionsread 8 August 2026 Photo
#Laliga
👉Baarseloonaan tapha torbee 4ffaa Laaliigaa Ispeen injifannoon itti fufeera.
👉Kilabni Kaataaloon Baarsaan kilaba dheengadda warra Loos Bilaankos makaraa agarsiisuun qabxii tokko irraa fudhate, Laas Paalmaasiin ofitti waamuun garafuun deebisaniiru.
👉Taphicha goolii 7 fi 0'n kan injifatan ijoolleen Haansii Filiik, Raafiniyaan Haatirikii hojjeteera.
@goalinetalks
👍3
31 Aug 2024, 18:54 UTC393 viewsread 8 August 2026 Photo
#Bundesliga
👉 Baayerni Liiverkuseen taphoota 35 booda injifatamaniiru.
👉 Kilabni Jarmanii Zyaabii Alonsiin leenji'u fi shaampiyoonaan Bundesliigaa bara darvee Baayerni Liiverkusen, tapha galgala kana RB Leebzichi wajjiin taasiseen hanga daqiiqaa 72ffaatti 2 fi 0'n dursaa turus, boodarra gooliiwwan sadii keessummeessuun erga Caamsaa bara 2023'tii yeroo jalqabaaf injifatamaniiru.
@goalinetalks
31 Aug 2024, 18:49 UTC390 viewsread 8 August 2026 Photo
#PremierLeague #Week3
👉Piriimiyeer Liigiin taphni Eevertenii fi Boornimaawuz gidduutti gaggaaffame immoo raajii nu agarsiiseera.
👉Hanga daqiiqaa 86ffaatti goolii 2 fi 0'n dursaa kan tura Eeverten, daqiiqaa 10 keessatti gooliiwwan sadii keessummeessuun qabxii sadii argachuuf ture kennuufiin qe'ee isaaniitti eebbisee gaggeesseera
Safuudhabboo😂
@goalinetalks
31 Aug 2024, 18:46 UTC709 views1 reactionsread 8 August 2026 Photo
#PremierLeague #Week3
👉Taphoota torbee 3ffaa har'a gaggeeffamaniin Arsenaal qabxii yoo qooddatu Maan Siitiin injifateera.
👉Dirreesaarratti Biraayitaniin kan simate Arsenaal goolii Kaayi Haaverzi daqiiqaa 38ffaa irratti lakkoofsiseen dursaa turus, Jaawoo Peediroon daqiiqaa 58ffaa irratti goolii qixxeessituu Biraayitaniif lakkoofsisuun taphichi qixaan xumurameera.
👉Deekilaan Raayis kaardii diimaadhaan dirreerr…
❤1
Showing the 12 most recent of 13 posts we hold for @goalinetalks. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.