7 Aug 2026, 15:14 UTC10 viewsread 9 August 2026 Photo
Yaanni heddummaatee
Garmalee dhiphattus
Fayyaa gaarii dhabdee
Yeroo dhaaf dhibamtus
Utuu waan balleessin
Firumaan jibbamtus
Harki kee waa dhabee
Hiyyummaan rakkattus
Abdii hin muratin
Kan si uume irraa
Boossee itti himannaan
Ni fuudha inni sirraa
Kan Rakkina boodan
Dhufu bal'oo tahuu
Beekii obsi rakkoo
Ammaaf sirra gahuu
Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan 🙏👇
#Oropal@OroTurkia
by MD JÀWWÈË
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
29 Jul 2026, 10:37 UTC278 viewsread 9 August 2026 Photo
Nama anan feenee
Kan argaa koo jibbu
Nama gadda kootiif
Akka cidhaa sirbuu
Nama na hamachaa
Afaaniin na saaduu
Nama dantaasaatiif
Qofa na barbaaduu
~
Kabajaa kenneefiin
Onnee kiyya keessa
Isaaf baga jedheen
Eebbisee geggeessa!
✍MD JAWWEE
@OroTurkia
#Join godhaa
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
29 Jul 2026, 10:36 UTC71 viewsread 9 August 2026 Photo
Damma koo siin jedhuu?
Damma koo isa daamuu
Natti himi lubbuu koo
Maal jedhee si saamu?
Bareedduu koo jedhuuree?
Hunda caaltuu namaa
Mucaa safuun guddatte
Giiftii morma lamaa
Boontuu koo siin jedhuu?
Intala warra mootii
Moo giiftii koo siin jedhu?
Haadha ijoollee kootii
Simboo koo siin jedhuu?
Beektuu safuuf seeraa
Intala abbaa Gadaa
Haadha siinqee dheeraa
Halkan guyyaa jooree
Buusee baasee yaadee
Jecha siin mada…
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
29 Jul 2026, 10:34 UTC26 viewsread 9 August 2026 Photo
Erga aduun lixxee
Lafti dukkanaa'ee
Ergan galmee cufee
Dachaasee olkaa'ee
Ergan taa'ee taa'ee
Si eegee dadhabee
Ergan mana kootti
Imala jalqabee
Fedhiif hawwii kankee
Erga dharraa baatee
Nan dhaabin karaarra
Gufuu natti taatee
Hamilee koo cabsitee
Na buustee mogolee
Nan waamin hin dhufu
Ofii koon wal_lolee
Eenyummaa kee dhugaa
Bareera garaa kee
Lammaffaa nan eegin
Hin darbu karaa kee😭
@OroTurkia
#Join godhaa!
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
9 Jul 2026, 04:59 UTC974 views1 reactionsread 9 August 2026 Photo
Gaaf tokko ni deemna, dachee kana dhiifnee,
Dhagaa boraafanna, biyyoo jala ciifnee,
Eenyuutu of beeka, guyyaa reeffa taanu, gaafasoo ni duunaa,
Sodaa tokko malee, boolla awwaalchaa buunaa!
Ee…
Guyyaan tokko jira, guyyaan dagatamnu,
Biyya lafaa irraa, yeroo fira dhabnu…
Gaafas…
Dhagaa nurra kaa’u
Boo’aa gadda taa’u
Boollatti nu gatanii ofii achii lufu
Nuun ala jiraachuu isaan itti fufu…
Kanaaf…
Jireenyi bor miti amma…
❤1
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
15 May 2026, 10:01 UTC68 viewsread 9 August 2026 https://youtube.com/shorts/gQCX0-yhlMc?si=9bB34Vr1tB-AZnbW
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
26 Apr 2026, 19:59 UTC69 views1 reactionsread 9 August 2026 Forwarded from @boruuf360
BAREEDINNI HIJAABAANI
Yaa gabritti rabbii
Yaa jaalattuu diinii
Yaa hordoftuu sunnaa
Haala uffannaa keenyaa
Wal yaadachiifannaa(2)
Isa nuuf filatee
Mootummaan aalamaa
Kan kabaja guutuu
Bareedina namaa
Kan Hayaa,a ta,uu
Intala muslimaafi
Kan Qur,aanni faarse
Mul,isaa mu,uminaa
Kan haala bareechuu
Darajaa iimaana
Uffata bareeda
Hijaaba jedhama(2)
Ukhtii tiyya koottu
Karaa k…
❤1
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
27 Mar 2026, 14:37 UTC79 viewsread 9 August 2026 Posted without readable text
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
19 Mar 2026, 17:09 UTC709 viewsread 9 August 2026 As wr wb Eid Mubarak! May Allah accept all your عبادات (acts of worship), forgive your shortcomings, and shower His endless mercy upon you. May this blessed Eid bring نور (light) into your heart, peace into your life, and barakah into everything you do. May your prayers be answered, your sacrifices be rewarded, and your days be filled with happiness, success, and strong ايمان (faith). May Allah guide you always and …
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
18 Mar 2026, 03:43 UTC79 viewsread 9 August 2026 https://youtube.com/shorts/uGYX16JsslA?si=RsWRnuoQgtn9u5S7
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
18 Mar 2026, 03:36 UTC78 viewsread 9 August 2026 https://youtube.com/shorts/DRjCT63IhTc?si=s5QC2tyCr54ivcEU
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
18 Mar 2026, 03:36 UTC67 viewsread 9 August 2026 Ana ha nyaatu bakka ke
Signed Aduu fi Oduun Yeroof nama gubdi👈
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @OroTurkia. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.