19 May 2026, 07:06 UTC207 views5 reactionsread 9 August 2026 OF AJJEESUU?
Biyya keenya keessatti gochi of ajjeesuufi du'a suukkanneessaa tahe hedduu mul'ataa jira. Dhaloonni ammaa keessumaa dargaggoonni aarii xiqqoo ishee qabaannaan of balleessuu filatu.
Kun maaliif ta'e jennee yoo ilaalle, inni jalqabaa abdii dhabuudha.
Namni abdii, obsaafi amantii hin qabne murtoo fokkisaa fudhata.
👉 OBSA: Namootni obsa qaban akkuma warqee ibidda keessatti meeqa gubatee bahee morma, quba, a…
❤5
10 Feb 2026, 07:13 UTC390 views5 reactionsread 9 August 2026 SADII TAANA!.
Hafuurri jaalalaa, duungoo keenya utuu hin dhaamsin,
Utuu, duungoon aara bittimsee, ija abdii keenyaa, hin jaamsin.
Ilaa akkana godhi!
Rifeensakee natti marii, hafuurakee morma kootti dhibaafadhu!
Gudeedakee natti diri!
Daangaa sodaa natti tari!
Harkawwan keen, mudhii kootti, marmaradhu!
Alanammoo,
jaalala kiyya dagadhu, diina godhii, guntutakeen na wara*ni!.
Yoos animmoo, booji’ameen harka laadhaa…
❤5
5 Feb 2026, 18:23 UTC359 views4 reactionsread 9 August 2026 Forwarded from @segnigudetaPhoto
Namni kun addunyaarratti dureessa 1ffaadha. Doolaara Ameerikaa biliyoona $850 caalaa qaba!
Kaleessa akkas jedhe;
"Qabeenyi gammachuu bituu hin danda'u namni jedhe sun dhugaa isaati, namichi waan dubbatu beeka ture" jedhe!
Gammachuun maallaqa bira utuu hin taane Waaqayyo bira jira! Gad of deebistee, gaarii yaaddee, gaarii hojjettee - qajeelummaatti yoo jiraatte Waaqayyo gammachuu daangaa hin qabne siif kenna!
Galga…
❤4
3 Feb 2026, 07:38 UTC311 views1 reactionsread 9 August 2026 Isan...,
Dheebuutti gaggabe
Eeguutti dadhabe,
Isan...,
Fagoo laalee of qixeessee
Abdii muruut as dhiyeesse,
Akkan...,
Si dhiisee hin deemne
Fuul dura koo gortee
Afaan qadaaddattee
Na dura dhaabbattee,
Mararteen na lolta!
Garaa koo na corta!
Jaalalaan na moota!
Waan feete na goota!
Ana of keessat-n baqsite
Maashota koo sirreessitee,
Isan laafe jabeessitee…
❤1
1 Feb 2026, 05:45 UTC301 views1 reactionsread 9 August 2026 Bara tokko
Waggaa torban har'aa
-
Sagadi jennaan sagade
'Nagadi' jennaan 'nagade'
Koottu jennaan dhufe
Darbi jennaanis lufe
Hafi jennaan hin geenye
Rafi jennaan hin teenye
Ammammoo,
Barrisi waan jetteef akka allaattii
Koochoo hin qabu egaa nagaatti!
Obbobbosh,
Dhibdee bitaa gara ceekuu
Isa akkanaa argee hinbeeku!
* * *
Ambo, Oromiyaa
Kanaa’ol Badhaadhaa
https://t.me/Dirree_beekumsa
❤1
27 Jan 2026, 17:31 UTC369 views4 reactionsread 9 August 2026 Fuula ormaa dheefan
fuula kee dhaabbadha.
Oduu namaan nuffe,quba natti qabu,
si'iin na hamatu
Siin ala ol jedhee,yoon jiraachuu dhabu,
na gorsuu keessatti har'a si komatu
Dhiifama naaf godhi
Situ kana fedhaan,ana sossobanii
Qajjisa koo dirqiin
Dhadhaan coollessani.
Haftee fooliikeetii shurraaba kee dhoksaan narraa fageessani.
Ani sin dagachuun,
Hawwii keeti jechaa ana jajjabeessu,
Anaaf hiree biraa
Akka kana feet…
❤4
16 Jan 2026, 15:51 UTC366 views5 reactionsread 9 August 2026 Sin hubatan...
Tibba ruudni sitti dhimmisu miixuu
Gaafa obsi kee dhumee, aariin si gobee xiixu,
Waaqnis namnis gaafa si jalaa callisu!
Kan abdattu, kadhaa keef sitti harka yoo ballisu!
Gaaf...Dagaleen kee cabdee,
At-sagalee gaaf dhabde!
Ee...
Gaafa garaan si kajeelu dhadhaa
Alaaf keessaan deegdee, yennaa deemtu kadhaa!
Baroota kee keessaa
Barri tokko waan hunda si jalaatii ajjeesa🥺
Harka martee raaree keessa teessa
…
❤5
16 Jan 2026, 05:05 UTC328 views4 reactionsread 9 August 2026 #Dhukkuba_ASIMII (#ASTHMA)
☆☆☆☆☆
Dhukkubni Asimii ujummooleen qilleensaa akka dhiphatan, akka dhiita'aniifi waan tuttufan ykn aakkii namatti baay'isudha.
Dhiphachuun ujummoolee qilleensaa kunis rakkoo hargansuu fiduun qufaa, afuurri akka ciccitu gochuu danda'a.
#Mallattoolee_Asimii
♦️Afuurri ciccituu
♦️Qufaa
♦️Qoma jabeessee qabuu(Ch.tightness)
♦️Hirriba gahaa dhabuu
♦️Yeroo gara alaatti afuura baafata…
❤4
13 Jan 2026, 08:09 UTC352 views2 reactionsread 9 August 2026 Yaadadhu Taliile!
Silliqqee qabannee jabbilee bobbaafnee
Giingoofi cinciriqqee hiphoofi oduu durii
Walumaan taphannee
Hagamsa bosonaa waliin funaannannee
Funaannannee nyaannee
Bishaan laga Hawaas gad jennee dhudhaanee
Gammachuun habbuqnee
Dheebuu bara dheeraa waliin obbaafanne.
Foollee weedduu Gadaa walum…
❤2
13 Jan 2026, 07:27 UTC282 views2 reactionsread 9 August 2026 Miirichi bar... ❤️
Waliin dubbii onneewwanii
Waliif himuu of dhowwanii
Mallatticha akeekuudha.
Kan wal ta'e haa beekuudha.
Malee...
Himni bar si'eessituudha,
Ichima as dhiyeessituudha.
Ramacii araadoftuudha.
Gammachuu qoraan iftuudha!
Jaalalli bar...
Laboobni gamtokkoon seeqe
Oobdii daaressuuf yoo saaqe,
Dallaa cabbii of gochuudha,
Hulaa dubbii aggachuudha.
Malee...
"Dhiisii"dhaan garaan hin …
❤2
11 Jan 2026, 06:25 UTC289 views2 reactionsread 9 August 2026 Photo
Photo, posted without a caption
❤2
11 Jan 2026, 06:10 UTC310 views1 reactionsread 9 August 2026 #FINNIISA (#acne_vulgaris)
~~~~
Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan maddan ykn seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha.
#Finniisa maalfaatu nutti fida?
>Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiramana(keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa)
>Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban.
>Marsaan laguu …
❤1
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @Dirree_beekumsa. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.