8 Dec 2024, 12:30 UTC≈1,620 viewsread 7 August 2026 Photo
Nagaan koo kabajaa bakka jirtanitti isin haa qaqqabu!
Dhamaatii hedduu booda; dadhabbiin koo firii godhatee kitaaba kuusaa walaloo mata dureen isaa 'BARRUU' jedhu xumurachuun eebbaaf qaqqabsiifadheera. Kanaaf gaafa guyyaa 13-4-2017 na cinatti argamtanii simboofii miidhagina sagantaakoo akka naaf taatan kabajaa guddaadhaan isin affeerradheera!
Fayyaa ta'a! _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _
Bakki Eebbaa - Giddu Gala Aada…
Signed Amena Teferi
8 Sept 2024, 20:19 UTC≈1,440 viewsread 7 August 2026 Link kana seenaati 'Instagram' koo follow naaf taasisaa!
https://www.instagram.com/amenateferi7?igsh=MTRsNTJvMHZlbHI5
Signed Amena Teferi
31 May 2024, 11:36 UTC≈2,070 viewsread 7 August 2026 Link kana seenuun 'Comment' koo Like akkasumas hiriyoota keessan itti naaf waamaa https://www.facebook.com/100002028524680/posts/7688354021242139/?app=fbl
Signed Amena Teferi
30 Jan 2024, 19:24 UTC≈2,760 viewsread 7 August 2026 Forwarded from @Fgart11Photo
||Waloo Amena
Fakkiifi Suuraa Orijinaalii Walbiratti!🥰 ✏️
Ilaalaa yaada kennaa! 🙏
||Bifa kanaan Frame isaa waliin namootni fakkii barbaaddan!
👇
0939966994
Firans Getachew
Channel👉 @Fgart11
Signed Amena Teferi
27 Jan 2024, 18:19 UTC≈2,730 viewsread 7 August 2026 Jaalala kiyya beektaa
Kan onneeko na jiruu
Haalaaf yeroo ilaaltee
Narran fagaatin tiruu
~
Halkanis taanan bariin
Waanin jirre dubbataa
Jaalalaan nan darariin
Siinis bor ni mudataa
~
Qabbanaf si abdanaan
Gubde na bobeessitaa
Jaalala koo qulqulluu
Maalumaf booressitaa
~
Mudaa kiyya kafanii
Kanin sitti himadhuu
Onneeke anaaf banii
Jaalalan na simadhuu!
~
@AmenaTeferi ✍️
Signed Amena Teferi
27 Dec 2023, 17:18 UTC≈3,710 viewsread 7 August 2026 Na jaallatta sin jaalladha
Hunduu beekaa
Fuulla kan kee ilaaleetan
Kolfuun seeqaa
~
Natti himadhu siifan guutaa
Wanta feetuu
Jiruu kiyyaaf bar dawaadha
Simboo keetu
~
Miidhagni sitti hin hafnee
Kanaaf boontaa
Abaaboo koo foolii gaarii
Naaf arjoomtaa
~
Si jaallata onneen kan koo
Siif of laatee
Ammoo garuu si amanuun
Natti ulfaatee....!
~
@AmenaTeferi ✍️🙏
~
Signed Amena Teferi
18 Nov 2023, 18:41 UTC≈5,920 viewsread 7 August 2026 Tulluu qaxxaamuree
Laga addaan hiraa
Yaaddoo nutti furee
Daandii diinaa ciraa
Haqako naaf eeguun
Shiraaf daba diigaa
Dadhabu suksukuun
Yoo danda'e fiigaa
~
Fagaatus karaan koo
Didee warra cubbuu
Haa ga'u Nagaan koo
Akkam jirta lubbuu...?
Signed Amena Teferi
1 Nov 2023, 10:49 UTC≈3,410 viewsread 7 August 2026 Follow the Amena Teferi channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029Va9P4K5DuMRZbhLaxR3L
Signed Amena Teferi
6 Sept 2023, 17:33 UTC≈4,100 viewsread 7 August 2026 Fala koo natti himaa!
~
Na mararsiifachuun
Jettee wanta dhibbaa
Ishee na jaallattuu
An argaasheen jibbaa
~
Haqa yoon itti himes
Tasa dhugaan seetuu
Isheen jaalladhemmo
Argaa koo hin feetuu
~
Onneetu nan taphata
Akka mucaa daa'imaa
Ogeessotni jaalalaa
Fala koo natti himaa...!
~
@AmenaTeferi ✍️
~
Signed Amena Teferi
5 Sept 2023, 17:36 UTC≈4,570 viewsread 7 August 2026 Rakkoon na darartee
Kanin dafqa cobsuu
Baayyee na marartee
Onneenko sin obsuu
~
Karaa fagoo imalee
Obsee kanin labuu
Sin jaalladhe malee
Dantaa biraan qabuu
~
Garaa kiyya raasee
Maaltu na naasisaa
Gatii kamuu baasee
Kan koon si taasisaa
~
Gufuu hundeen ciraa
Dhiitee karra cubbuu
Mirgaan dhufaan jiraa
Abdiin kutiin lubbuu..!
Signed Amena Teferi
18 Aug 2023, 05:38 UTC≈3,270 viewsread 7 August 2026 Video
Video, posted without a caption
Signed Amena Teferi
25 Jul 2023, 16:55 UTC≈3,420 viewsread 7 August 2026 Hanqina koo lakkaa'ee
Balbala diinaaf banaa
Bara darbes nan boo'aa
Baranas akka kanaa
~
Madaa qaama kootii
Garaa keessa dhoksee
Waraansa akka malee
Danda'uudhaan obsee
~
Godaannisan qoorree
Sossobuudhan yaalaa
Bara baayyeen boo'ee
Kolfeen immoo ilaalaa
~
@AmenaTeferi✍️
Signed Amena Teferi
Showing the 12 most recent of 19 posts we hold for @AmenaTeferi. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.