8 Jul 2024, 07:20 UTC≈6,310 views20 reactionsread 7 August 2026 ⭐️ Major Telegram Star (Gift Coin)
✅ Nama 1 invite yemmuu goitan ⭐️ 15 - 50 ni argattu
✅ ⭐️ argattan kanaan Telegram premium wantoota biraa bituu ni dandeessu.
✅ Akka warreen kaanii Airdrop Listing date eeguun sinirra hin jiraatu
✅3 task jiran hojjachuun sinirra jiraata.
✅⭐️ 1 qarshii 2.50 ni baasa
✅Bot Verify kan ta'edha
✅Telegram wallet Connect gochuun dirqama
⚡️ warreen hin jalqabne kunooti asii gadi Liinkiin : …
❤19👍1
24 Jun 2024, 20:20 UTC≈6,070 views55 reactionsread 7 August 2026 Photo
Halkan waarii gidduu
Dukkana walakkaa
Bokkaa samii roobu
Balaqqeef bakakkaa
Kophaa koo taa'eetan
Si yaada si faarsa
Akki keef duuti kee
Na guba na aarsa
Boo'een hirqiffadhaa
Nan iyya nan aada
Akki keef duuti kee
Na guba na waada
Takkammoo kophaan
Ofii kootti odeessa
Akki keef duuti kee
Gubee na bobeessa
Gubaa laphee jalaa
Onnee koof garaacha
Akki keef duuti kee
Fayyaa na maraacha
Akki keef duuti kee
Inni halkan …
❤44👍6🥰3👎1😢1
12 May 2024, 07:03 UTC≈6,000 views41 reactionsread 7 August 2026 Bishaaniif biyyoorra
Siinan nama ta'e
Aayyoo koo deessee koo
Baga isiniin ga'e
Hidda dhiiga kootii
Wiirtuu lafee dugdaa
Wabii egeree koo
Jireenya koo hundaa
Kankee jechaan ibsuuf
Hin yaadu; hin seeradhu
Deessee koo Aayyoo koo
Umrii naaf dheeradhu🙏
@walaloo_jaalalaa
Join godhaa
❤38🙏3
9 May 2024, 15:48 UTC≈5,890 views24 reactionsread 7 August 2026 Ani fi Ati
Ijaan wal argina
Qalbiin wal darbina
Qamaan - Waliin fiigaa
Yaadan - Wal diddiigaa
Irra dibaa - Soba kolfaa
Keessa keessa - Wal o'orfaa
Hin fakkannee fakkeessina
Waan hin taane odeessina
Qoraan baaqqee bobeessina
Mi'aa jechaa hadheessina
Jiruun keenya duuwwaa dhoraa
Hireen keenya adda goraa
Mee maal baasuf dhama raasna
Kottu...
Adda baanet adda baasna.
✍️YW Kaachuu
@Walaloo_Jaalalaa
Join godhaa!
❤13👍11
9 May 2024, 15:45 UTC≈5,450 views26 reactionsread 7 August 2026 Nama anan feenee
Kan argaa koo jibbu
Nama gadda kootiif
Akka cidhaa sirbuu
Nama na hamachaa
Afaaniin na saaduu
Nama dantaasaatiif
Qofa na barbaaduu
~
Kabajaa kenneefiin
Onnee kiyya keessa
Isaaf baga jedheen
Eebbisee geggeessa!
✍Amena Teferi
@Walaloo_Jaalalaa
#Join godhaa
👍15❤11
25 Apr 2024, 18:39 UTC≈6,130 views25 reactionsread 7 August 2026 Galma Koo dur durii
Aabjuu bara dheeraa
Giiftii jireenya koo
Si'iin argadheera
Jaalala naaf laattee
Kan jaalalaan sooru
Ga'eera galma koo
Kana booda jooru
Miila keerra deemeen
Miiltoo kankee ta'aa
Taa'i jennaan taa'ee
Ka'i jennaan ka'aa
Siif bitameen jiraadha
Umrii kiyya guutuu
Baadheen si kunuunsa
Barruu koorra buutu
@kiya_ye
@walaloo_jaalalaa
#Join godhaa!
❤17👍7🔥1
22 Apr 2024, 17:44 UTC≈5,580 views28 reactionsread 7 August 2026 Erga aduun lixxee
Lafti dukkanaa'ee
Ergan galmee cufee
Dachaasee olkaa'ee
Ergan taa'ee taa'ee
Si eegee dadhabee
Ergan mana kootti
Imala jalqabee
Fedhiif hawwii kankee
Erga dharraa baatee
Nan dhaabin karaarra
Gufuu natti taatee
Hamilee koo cabsitee
Na buustee mogolee
Nan waamin hin dhufu
Ofii koon wal_lolee
Eenyummaa kee dhugaa
Bareera garaa kee
Lammaffaa nan eegin
Hin darbu karaa kee😭
@kiya_ye
@walaloo_jaalalaa…
❤19👍9
Signed 🎵
22 Apr 2024, 15:48 UTC≈5,200 views20 reactionsread 7 August 2026 Kaan nyaatee bula;
Kaan immoo agabuusaa,
Kaan biddeen har'aa dhaba,
Kaan boriif qarshii kuusa
Kaan konkolaataa lakkaa'a
Kan filatee yaabbatu
Kan miilayyuu hin qabu
Kan ittiin dhaabbatu
Egaa...
Addunyaan kun burreedha
Burree bifa dhibbaa
Dachee galaa nyaattu
Kanaafan si jibba!
@kiya_ye
@walaloo_jaalalaa
#Join godhaa!
😢8👍7❤5
Signed 🎵
19 Apr 2024, 16:09 UTC≈5,270 views26 reactionsread 7 August 2026 Faana kaayyoof kaatu
Imala koo dhaabee
Kaleessan barbaadu
Farda seenaa yaabee
Kun dirqama uumamaati
Darbuuf dhufuuf seera
Karaan koo kaleessaa
Qoraattii baaseera
Maaliifan gaabbiidhaan
Sammuu kiyya goola
Maafan otoo jechaa
Quba nyaachaa oola
Ka'een deema malee
Borii koo ilaalaa
Kan kalee darberra
Kan boriitu caala
Maafan har'as taa'ee
Gaabbiin quba nyaadha
Farda abdii yaabeen
Galma boriif kaadha
Isan saamsee gat…
👍11❤10👏3👎2
Signed 🎵
3 Apr 2024, 18:32 UTC≈5,280 views41 reactionsread 7 August 2026 Sitti himuu?
Akka...
Simboon bareeda kee
Qalbii koo na hate
Akkan siif maraadhe
Uffata koo gate
Akka...
Kiyyoo kee darbattee
Funyoo keen na hiite
Akka otooman si eegu
Aduun baatee dhiite
Akkan....
Yaadaa fi yaaddoon keen
Akkan taane ta'e
Akkan barbaacha keef
Sagal gabaa ba'e
Aayi sittin himuu dhiis
Natti haa hafu lakki
Yeroonsaa hin geenye
Asiis miti bakki
Garuu gaafa tokko
Gaafa guyyaan ga'e
Gaafa...
Dhibeen ko…
❤21👍16🥰4
Signed 🎵
31 Mar 2024, 20:46 UTC≈4,960 views23 reactionsread 7 August 2026 Beela kee beela'een
Caba keef okkola
Siin araaramuufan
Ofii koon wal-lola
Gumbii kankee guutuuf
Mana koo oneessa
Dugdatti si baadheen
Galma kee si geessa
Hir'uu kankee guutuuf
Duwwaa koo hir'isa
Gammachuun kee kankooti
Nagaa kootu isa😘
@kiya_ye
@walaloo_jaalalaa
#join godhaa
❤17👍3🥰3
Signed 🎵
31 Mar 2024, 04:20 UTC≈5,290 views23 reactionsread 7 August 2026 Dilbataa dibataa
Guyyaa milkiin guute
Tabba gubbaa baatus
Hallayyaas yoo buute
Siif haa ta'u guyyaa
Nagaaf surraa qabu
Guyyaa.....
Kiyyoon diina keetii
Bittin jedhee cabu
Guyyaa....
Uumaan koo gararraa
Utubaa siif dhaabu
Guyyaa....
Eebbi kee wal waamee
Hammatee wal yaabu
Guyyaa....
Miilli kee-nni hidhamee
Hidhaa cabsee ba'u
Eeyye...
Akkuma garaa kee
Hunduu siif haa ta'u🙏
@kiya_ye
@walaloo_jaalalaa
#join godhaa
👍10❤7🙏4🥰2
Signed 🎵
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @walaloo_jaalalaa. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.