31 Aug 2026, 06:19 UTC805 views11 reactionsread 1 September 2026 Ilaamee kuulleekoo
Bareeda ija booraa
Halkan Abjuun ka'een
Guyyaas siifan joora
As buutee keen dhabe
Fagoo si barbaadee
Al tokko naaf mul'adhu
Argaakeen araadee
Ati silaa ni boonta
Wayyaakoon natti koorta
Biraandii naan jetta
Jiinsii isa buburree
Anoo natti bal'ata
Hidhachuu isaan barree
Abdii sirraa hin kutu
Obseetan si eega
Naaf koottu hin hafin
Haftu dhufeetan si jeeqa
Karra keerran goru
Karaa ati deemtu
Jaalal…
❤11
26 Aug 2026, 14:27 UTC≈2,070 views16 reactionsread 1 September 2026 Jabina diina kee
Ija jibbaan laaltee
Otoo of hin mo'in
Hunda mo'uuf yaaltee
Gabaa jireenyatii
Jibba bitaa ooltee
Jabinaan dhaadachuuf
Jaalala salphiftee
Cimina himachuuf
Namoota rakkiftee
Gaaf nama barbaaddu
Erga qobaat haftee
Yaadan banuuf yaaddus
Karra dhiittee cufte
Badii kee yaadattee
Gaabbin nyaattus quba
Yakki kalee hojjatte
Abdii boruu guba!
#SWA #Iccitii_Jaalalaa #Walaloojaalalaa #afaanoromoo
❤14👏2
15 Aug 2026, 17:15 UTC≈3,910 views27 reactionsread 1 September 2026 Nan ilaala deemee
****
Jajjabinni haalaa
Karaa na bubbulchee
Bu'aa ba'iin dachee
Erga na butuchee
Madaa koo madeessee
Muda koo jabeessee
Caba koon wal baree
Cabsaa koon firoomee
Daangaa koo sararee
Ofitti abshaaloomee
Nan ilaala deemee
Dukkanni na marsee
Ifti erga na dheessee
Qalbii koon deeffadha
Miila koo fageessee
=====Good night===
#walaaloo #afaanoromoo #Walaloojaalalaa #Iccitii_Jaalalaa #SWA
❤19👏6👎2
12 Aug 2026, 04:43 UTC≈4,530 views15 reactionsread 1 September 2026 Uumama kee argee
Si hubachuuf yaalee
Dur risaan si se'a
Baallee kee ilaalee
Otoo lafa teessuu
Daara otoo haatuu
Sagalee cirattee
Boroodhan yoo baatu
Baallee kee mul'isuuf
Gaafa batachitu
Lukkuu ta'uun bare
Gaafa of ibsitu!
...caaru kee eeggali..
"Oolmaa gaarii"
#Iccitii_Jaalalaa #Walaloojaalalaa #afaanoromoo #walaaloo
👏8❤4👍3
3 Aug 2026, 17:50 UTC≈5,610 views41 reactionsread 1 September 2026 NATTI YAA HAFUU
Sitti haasa'e too
Ergaa naa hubbane
Jaalala sif kennee
Ergaa narra hin fudhane
Si kuununsuu koo
Ergaa fakkaate gabara
Si maale jechuun koo
Ergaa sifaggesse naraa
Si gaabaruu koo
Anatti yaa hafuu
Si jaaladhaa jedhee
Lammuu kadha hin dhufu
....Naati yaa hafu....
#walaaloo #afaanoromoo #Walaloojaalalaa #Iccitii_Jaalalaa
❤40🥰1
19 Jul 2026, 16:51 UTC≈7,020 views45 reactionsread 1 September 2026 Bulee si argachuuf
Si arguu lagadhee
Jireenya kee yaadee
Jiruu koo dagadhee
Otuman si eeguu
Abdiin bara dheeraa
Ati hinjirtu silaa
Manni koos oneera!
Qalbiif haamileen koos
Har’a humna hinqabu
Eenyuttan himadha
Bakka na dhukkubu
Good night
🔥23❤18👍3💔1
19 Jul 2026, 16:20 UTC≈6,090 views10 reactionsread 1 September 2026 Gaaffii..?
**""""""*
Lubbuu fira dhabde
Jaalalaan hirkiftee
Qalbii namaan cabde
Du'arraa ittiftee
Dhukkubsataa siin fayye
Miiltoo bara qaataa
Fayyiftee ajjeesuuf
Maalif yaalte laata?
#walaaloo #afaanoromoo #Walaloojaalalaa
❤10
17 Jul 2026, 15:20 UTC≈6,310 views11 reactionsread 1 September 2026 Photo
Photo, posted without a caption
❤10🥰1
17 Jul 2026, 15:20 UTC≈6,150 views16 reactionsread 1 September 2026 Qe'een Arsii Jila qaba!
#Arsii jilaaf yaa'a Eebbaan yoo saaqu!
Dhiltee Dhinnaa............... Hobba'aa (Hoffolaa)
Dhiltee Dhinnaa............. Hobba'aa (Hoffolaa)
Dhiltee Dhinnaa............... ijarraa hafaa; hafaa nu hambisaa
Faatee waaqni dhagayi............. Dhagayi
Lafti sii dhagayi.......................... Dhagayi
Dhibbi dhagayi............................. Dhagayi
Dhibaayyuun dhagayi.................…
❤10👍6
Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo pinned «Ijoollummaa💔 "”** Gaaf umriin ijoollee Waan hinjirre argaa Abjuu guddaa tuulee Abdiin guddaa eegaa Ari'een qaqqabaaf Fiigeen qaba jedhee Borun humna dhabaaf Miira kiyya hidhee Humna otoon dhabuu Haamilee ergifadhee Qalbii otoon cabuu Didee ciniinnadhee...…»
16 Jul 2026, 20:15 UTC≈5,610 views19 reactionsread 1 September 2026 Ijoollummaa💔
"”**
Gaaf umriin ijoollee
Waan hinjirre argaa
Abjuu guddaa tuulee
Abdiin guddaa eegaa
Ari'een qaqqabaaf
Fiigeen qaba jedhee
Borun humna dhabaaf
Miira kiyya hidhee
Humna otoon dhabuu
Haamilee ergifadhee
Qalbii otoon cabuu
Didee ciniinnadhee...
Galma koos hin geenye
Boqodhees hin teenye
Abdii guduunfadhee
Sagal gitintiraa
Otoon mucucaadhuu
Ammas karaan jira!
#Iccitii_koo #Walaloojaalalaa #walaaloo #afa…
❤11👏8
15 Jul 2026, 16:52 UTC≈5,240 views16 reactionsread 1 September 2026 Hiree
***.
Okkoluu kee hawwee
Si cabsuu hin dharraane
Garuu waanti hundi
Akkan yaade hintaane!
Abdii kee obsaan tikseen
Jaalalaaf hunda haalee
Aangoo hiree cabseen
Jaalala muuduf yaale!
Ta'us.....
Hireen erga kutee
Riqicha jaalalaa
Madaa koof madaa kee
Ormi maaf ilaala?
Hireedhan mormuurra
Amanuutu caalaa!
❤13🔥3
Showing the 12 most recent of 24 posts we hold for @oromoo1000. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.