28 Apr 2026, 17:25 UTC≈3,320 views57 reactionsread 21 August 2026 ===================
Dachiitu naan maraa
Yoon lafaa ol-ka’ee
Imimmaaniin buusaa
Yoon maqaa kee dha’ee
Halkan meeqaatamiin
Hirriibaan manaa ba’ee
Nyaadhuus hin gabbadhuu
Garaan wal na dha’ee
Osumaan si yaaduu
Tulluu meeqa qaari’ee
Aduun baatee dhiitee
Halkan naaf bari’ee
Ofiis numaan shakka
Dhiiroo maaliin ta’ee
Jaalaluma teeti moo
Michiitu na dha’ee?
========== ========
t.me/jechootajaalalaa
👍28❤27🥰2
Live stream finished (66 days)
2 Jan 2026, 15:49 UTC≈7,510 views59 reactionsread 21 August 2026 Photo
NUURAL-EEYNII
❤50👍5🥰4
18 Dec 2025, 14:57 UTC≈8,350 views73 reactionsread 21 August 2026 ======≈=========
Silaa akka jaalalaa
hin turu fagaadhee
jaaladheati miti
Jireenya na hidhee
Tasgabbillee hin qabuu
si yaadee maraadhee
Jireenya moo’achuuf
Oli fi gadi kaadhee
Akka na milkeessu
Rabbi koo kadhadhe
Osoon si jaaladhuu
Si dhabuun sodaadhee
==================
❤57😍9🙏4👍3
7 Dec 2025, 19:22 UTC≈8,550 views26 reactionsread 21 August 2026 t.me/jechootajaalalaa
👍16❤10
3 Dec 2025, 17:30 UTC≈8,930 views63 reactionsread 21 August 2026 =================
Akkam nagaa keetii
Bareedduu Hararii
Yaada kee na jiraa
Ta duriin gargarii
Akkaan hin miidhamne
Koottu naaf bararii!
=================
Yaa ililli tiyyaa
ililli jannataa
Sin qabaafin boona
Ol qabadhee mataa
Jaalallee qofaa mitii
Waa hunda naa taataa
===================
guyyaan sin dubbisin
Sagalee keen yaadaa
akkami jirta mee
Nagaya naaf qabdaa
====================
Yoo nuural-eeynii tiyya
Waahila jir…
❤47👍8🏆4🥰4
2 Dec 2025, 15:19 UTC≈7,700 views57 reactionsread 21 August 2026 ==================
Niin sodaadhee malee
Silaa sin gaafadhaa
Ani sobeen beekuu
Dhugaa sin jaaladhaa
Jireenya koo boruuf
An sumaan abdadhaa
Addunyaa fi Akiraas
Si wajjiin jiraadhaa
Gammachuu fi gaddaas
Si wajjiin qooddadhaa
Yaa Rabbi tiyya godhi
Sumaa dandayaadha.
====================
❤33👍16🥰5👎3
29 Nov 2025, 14:45 UTC≈8,230 views63 reactionsread 21 August 2026 Part - 1
==================
Jaalala koo sitti himuuf
yammuun siif bilbilu,
Haasofniin haasawu
walitti naaf hin qajeeluu,
Sagalee kee dhageenyaan
wanti hundi na harkaa faca'aa,
Yoon maal koo sii ta'een
jaalala koo sitti himuu danda'aa.
====================
👍31❤26🥰4😍2
23 Nov 2025, 12:03 UTC≈9,030 views71 reactionsread 21 August 2026 #############
Hawwiin koo fuulduraa
Dhugaan wal jaalachuu
Haala mijeeyfannee
Bultii ijaarrachuu
Gammachuu fi gaddaas
Walumaan qooddachuu
Jireenya addunyaa
Jaalalaan moo’achuu
Ijoollee godhannee
Dhandhamna gammachuu
Rabbi nu milkeessaa
Milkii biyya lachuu.
====================
👍37❤31🥰3
20 Nov 2025, 16:44 UTC≈8,750 views60 reactionsread 21 August 2026 Tottolchee si uumee
Hunda qaama keetii
Qeensa miilaatirraa
Hanga rifeensaattii
Addunyaarra hin jirtu
Qashtiin akka teeti
Jecha si madaaluun
Dhabe baarbaadeetii
Hedduun si jaaladha
Lubbuun tiyya teeti
Du’uus sheenaan qabuu
Suma argadheetii.
😍😍😍😍😍😍😍
❤29❤🔥22👍4😍4💯1
18 Nov 2025, 10:21 UTC≈8,800 views60 reactionsread 21 August 2026 Jaalalti bu’uuraa
Bu’uura jireenyaa
Yoo isiin jiraatte
Jiraachuu dandeenyaa
Madda gammachuutii
Furtuu rakkoo teenyaa
Namni wal jaalatu
Hin yaaduu hammeenyaa
Hiyyeessaas yoo ta’e
Qabaatuus qabeenyaa
Jaalalaan alatti
Maali hiikkaan jireenyaa?
===================
👍30❤25🥰4👎1
16 Nov 2025, 14:34 UTC≈8,800 views70 reactionsread 21 August 2026 Bareedinni keeysa
⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️
Yaa tan bifa tolchee
Keessasii balleeyse
Ni bareedda seheen
Gaafii sii dhiheessee
Xiqqo sodaadheetiin
Ergaa sii barreessee
Siin jaaladhe je’ee
Anaa if xiqqeeysee
Saniif natti boontee
Mataarra na teeysee
💔💔💔💔💔💔💔💔
Anaa si jaalatee
Filee nama keeysaa
Ati maal waa taate
Hin qabdu balleeysaa
Kanaan booda baddee
Onnee tiyya keessaa
Fuulli humaa mitii
Bareedinni keeysaa.
🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟
❤47👌12👍8😁3
Signed Jafeman
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @jechootajaalalaa. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.