3 May 2026, 08:25 UTC≈1,540 views7 reactionsread 17 August 2026 Eenyummaan Dhugaa Rakkina Keessatti Calaqqisa
“Loomiin yeroo cuunfamu dhandhamni isaa ni ba’a” jedhama. Hiikni isaa guddaan, wanti tokko yeroo qormaata keessa darbu dhugaan isaa ifa ta’a jechuudha. Akkuma loomii yeroo cuunfamu dhandhamni isaa mul’atu, namnis yeroo rakkina, qormaata fi cuunfaa jireenyaa keessa darbu eenyummaan isaa dhugaan ni calaqqisa.
1. Rakkina Keessatti Obsa
Yeroo wanti hundi sirriitti deemaa jiru…
❤7
3 May 2026, 08:19 UTC≈1,160 views3 reactionsread 17 August 2026 Jireenya Hiika Qabu Of Qofaaf Osoo Hin Taane Namootaaf Jiraachuu dha
1. Jireenyi Of Qofaaf Yoo Ta’e Duwwaadha
Namni of qofaaf jiraatu gammachuu dhugaa hin argatu. Maallaqa, beekumsa yookiin aangoo qabaachuun qofti jireenya hiika hin kennu. Jireenyi yeroo namoota biroo tajaajilu, gargaaru fi gammachiisu qofa miidhaga qabaata. Of qofaaf jiraachuun gara ofitti marfamuu dha; namootaaf jiraachuun garuu bal’ina sammuu fi …
❤3
1 Apr 2026, 14:55 UTC≈1,920 views9 reactionsread 17 August 2026 Jireenya! | Carraa Jalqabaa fi Isa Dhumaa!
"Jireenyi dhiyeessii yeroo tokkooti. Akka gaariitti jiraadhu!" (Thoughts Wonder).
• Wantoota har'a hojjechuu dadhabne, yeroo fi carraan isaa gaafa sirrii ta'e ni raawwanna. Jireenyi garuu akkas miti. Jireenyi carraa jireenya keessatti al-tokko argamtudha. Erga itti fayyadamnee booda yoomiyyuu hin deebi'u.
Carraa yeroo tokkoo kana sababa adda addaatiin utuu hin mudatin akk…
❤8💋1
31 Jul 2025, 09:12 UTC≈7,780 views98 reactionsread 17 August 2026 "Namoota eenyummaa kee beekan biratti, gatiin kee baay'ee guddaadha;namoota hedduu eenyummaa kee hin beekne biratti
garuu gatiin kee xiqqaadha. Waan tokkon si gorsa:
➪ Namoota gatii kee hin beekne irraa fagaadhu! Jaalachuu fi waliin jiraachuu dandeessa; garuu raawwattee itti hin dhi'aatiin Oolmaa fi bultiin kee namoota gatii kee beekan waliin haa ta'u!"
@Oromo_Motivation ☑
👍57❤30👏4🙏4🎉3
5 Feb 2025, 18:31 UTC≈10,600 views121 reactionsread 17 August 2026 Namni akka si hin qeeqne yoo feete harka kee maradhuu, afaan kee cufadhuu taa'i jedha Aristootil. Namni waan hojjetu beeku, galma qabuu fi galmicha ammoo beeku calluma jedhee waan galmasaan isa ga'u hojjeta. Qeeqamuu sodaachuu dhiisa. Namoota hunda biratti jaalatamuu akka hin dandeenye beekee, jaallatamuu dadhabuusaas amanee fudhata...
Sababni isaas, deemee deemee wanti murteessaan lakkoofsa namoota si jaallatanii o…
👍89❤21🎉6👏5
13 Dec 2024, 23:01 UTC≈9,350 views47 reactionsread 17 August 2026 NAMA 🤔
▬▬▬▬▬▬▬▬
"Namni namaaf dhiisii, ofiisaatiifiyyuu dhokataadha." ❔
❤️ Dachee kana irraa wanti dhaabamuu yookiin dhowwamuu hin danda'amne nama dha. Dhoksaa fagoon keessoo namaati. Uumamaan namni iddoo hiixatamee hin gahamne, ilaalamee hin argamne iddoo dhoksaa tokko qaba. Namni kamiyyuu nama biraaf qofa utuu hin taane ofii isaatiifuu dhokataa dha. Namni Waaqa/Uumaa isaa jalaa qofa dhokachuu hin danda'u. Meeshaan…
👍40👏4❤3
6 Nov 2024, 12:21 UTC≈6,920 views16 reactionsread 17 August 2026 ➡️Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi! Amma murteessi! Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa! Saatii kana irraa eegaluun waanan danda'u hunda nan raawwadha(godha) jedhii murteessi!
➡️Nama kutannoo hin qabne namni barbaadu hin jiru! Kutannoo hin qabdu taanaan ofiifis warra jaallattuufis humaa gochuu hin dandeessu. Namni duubatti deebi'u ni qisaasama! Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee du…
👍11🥰3❤2
5 Nov 2024, 22:10 UTC≈6,090 views19 reactionsread 17 August 2026 ☑ Ofirratti amantii qabaadhu!
☑ Nama ofirratti amantii qabu, amantii inni ofirratti qabu isa tiksiti.
☑ Shakkiin tulluu kufaatii ijaara, ofirratti amanuun immoo tullicha jigsa.
☑ Yoo waraana keessa gootummaadhaan darbite, medaaliyaa argatta.
☑ Fiixee damee mukichaa bira gahuu hin sodaatin, ijjisaa kan jiru bakka sanadha.
☑ Wayita dukkanaa'u filannoolee lamatu jiru. Dukkanicha abaaruu yookiin dungoo/maktuuta ibsuu, se…
👍10❤4🎉3🥰2
31 Aug 2024, 21:12 UTC≈9,440 views45 reactionsread 17 August 2026 Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kanarra hin jiru. " jedhu.
Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yeroooti.
"Time is life" yeroon jireenya jedhu, ogeeyyiin fayyaa! Sababni isaas lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.
"Time is gold" yeroon warqiidha, jedhan warri fiigan. Sababni isaas yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii warqii argamsiisu waan ta’eef.
Qajeelfamoot…
👍36❤9
23 Aug 2024, 21:08 UTC≈9,040 views41 reactionsread 17 August 2026 Maallaqni mala kaayyoo tokkoof malee mataa isaatiin kaayyoo miti.
Wantoota gurguddoo galmaan ga’uuf itti fayyadamuu ni danda’ama, garuu furtuu gammachuu yookiin guutummaa hin ta’u.
Qabeenyi dhugaan qarshii qofa miti. Qabeenyi dhugaan wantoota akka fayyaa, hariiroo fi miira kaayyoo of keessatti qabata. Wantoonni dhuguma gammachuu fi guutummaa si taasisan kana.
Furtuun milkaa’ina maallaqaa, beekumsaa fi hojii cimaa …
👍27❤9👌5
3 Aug 2024, 08:19 UTC≈9,230 views61 reactionsread 17 August 2026 🔻 Gosti allaattii, joobiraan morkuu barbaaddu 'Raven' qofaa dha. Dugda isaarra teessee morma isaa ciniinti. Haa ta'u iyyuu malee, joobirri deebii hin laatuuf lolees ofirraa hin qolatu. Baallee isaa bal'isee banee daran ol ka'uudhaan samii keessa asii ol bada. Hammuma joobirri ol fagaate 'Raven'tti wallaansoon kun itti ulfaata. Oksijiniin waan jalaa haphatuuf Raaveeniin harganuu hin dandeessu.
🟢 Kana irraa hubachuu k…
👍49❤12
17 Jun 2024, 19:48 UTC≈12,000 views50 reactionsread 17 August 2026 Addunyaan kun yeroo tokko tokko waan hamaan abjuu fi hawwii keenya golguu dandeessi.Garuu, gaarummaan ishii gufuu sitti dhufu kamiyyuu irra aanuuf humna akka qabdu sitti himuuf ni ta'a.
Ati orma irraa adda. dandeettii, fedhii fi abjuu kan mataa keetii qabda.Dhuunfaa keetti humna kee hammadhu, ifni kee ifaan akka ifu godhi.Namoota si deggaran fi si jajjabeessan, hamilee kee ol kaasanii fi dandeettii keetti amananiin …
🥰24👍16❤8👏2
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @Oromo_Motivation. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.