11 May 2026, 16:26 UTC≈1,270 views15 reactionsread 19 August 2026 Ani
~
Si jibbe naan jedhe
Tokko lafaa ka'ee
Na jibbuu isaatiin
Wantan aaru se'ee
~
Ani hin muufanne
Na jibbeera jedhee
Nan dinqine naanoo
Jechisaa na hudhee
~
Jibbuun xiqqaachudha
Namummaarraa bu'uu
Hafuura baafachaa
Dhabbidhumaan du'uu
~
Ani jireenya koon
Waan tokkon hubadha
Hiikaan nama ta'uu
Nama jaalachuudhaa
~
@GalaanaWalaloo
❤15
10 May 2026, 14:58 UTC≈5,950 views2 reactionsread 19 August 2026 Sareedhaan SAREE jechuun
Aarsus Saroota heddu
Sarootan wal ta'uuf
Gadda sarootaa hin gaddu!
@GalaanaWalaloo
❤2
8 May 2026, 19:21 UTC≈1,430 views7 reactionsread 19 August 2026 Ati
~
Ati bar na gante
qulqulluu fakkaattee
Jannata naan jechaa
Si'oolii na buustee
~
Ani gowwichi kee
innin si amane
Hiriyoota koollee
siif jedheetan gane
~
Siin taatu naan jennaan
naaf taati siin jedhee
Dirqiidhanii miti
jaaladheen of hudhe
~
Ati gaarrarraadha
adda uumamnikee
Osoo na ilaaltuut
na dhiisterta bakkee
~
Badi ija koo duraa
argaan kee na gubaa
Na ganuu keetirra
Isatuu na hubaa
~
✍ kaachaalluu
@GalaanaWa…
❤4👍3
26 Apr 2026, 19:32 UTC≈1,700 viewsread 19 August 2026 Natti muufatteetu
Dugda natti gatte
Fuula na dhoksiteetu
Udduu natti laattee
~
By Kaachuu
@GalaanaWalaloo
19 Apr 2026, 06:43 UTC≈2,090 views10 reactionsread 19 August 2026 Ammuma gadi ciifnaan
Rafiitiin natti dhuftee
Boqonnaan sammuu kiyyaa
Abjuu keessatti kufte
Intala tokkon arge
iftuu akka addeessaa
Qarree guntunni loomii
Lookoo ija baddeessaa
Ajab bareedinashee
Nama dhibaam jarana
Boji'ameetan laale
Goree garaaf-garana!
Ijji uumamaan kuulame
Biiftuu bakkalcha barii
Kuni monaalizaadha
Jedheetan shakke tarii
Shurrubbaan mudhii ga'a
Funyaan konkona qaamuu
Surraa isii ijaan arguuf
K…
❤10
18 Apr 2026, 20:40 UTC≈1,670 views6 reactionsread 19 August 2026 Abbaa
Abbaa Koo yaa boonaa
Abbaa Koo yaa gaari
Namni abbaa hin faarsuu
Sin faarsa Mee anii
Kabajni siif malaa
Ati boonadhaati
Lubbuun dhabamtullee
Abbaan kabajaati
Abbaa yaa gaari Koo
Yaa abbaa rakkataa
Kan kee ta'u koottu
Heeddudhan gammadaa
@Y4598
@GalaanaWalaloo
❤6
29 Mar 2026, 18:58 UTC≈2,240 views13 reactionsread 19 August 2026 Urjiin sami irraa kufu
Akka waan siin naa fidee dhufuu
Jiini halkan iftu
Akka waan siin naa tuftuu
Dukkana firoomfadhee
baatii hiriyoomfadhee
Halkan halkan...
akkan samii ilaaletti
akkan asii ol si eegetti
Ganni dhufee bonni darbe
Si eeguun yoom haamilee na sarbe?
Erga deemtee
Kabajni koo
Hammam akka salphate
Maaltu akka na mudate
Ji'a gaafadhu
An danda'ee hin himadhu!
Hammamtaa caba koo dhageessee
Naa gaddite…
❤13
29 Mar 2026, 16:44 UTC≈2,020 views8 reactionsread 19 August 2026 1-situ barbaada
1-si barbaada!
Utuu kunuunsituu
Utuu ati jaallattuu
Rifeensi mataakee,
Dudduubat' baqata
Utuu atin'argin,
Moluun si argata
Utuu atin'jaalatin
Si kaadhimata!
....
Gada Getachew
@GalaanaWalaloo
❤6👍2
9 Mar 2026, 19:34 UTC≈8,480 views8 reactionsread 19 August 2026 Deemsa galma qabu,
Kan ati jalqabdu,
Gaafa sammuu gantee,
Onnee jalaa-qabdu!
Jechuun;
Waa'ee waa jalqabuu,
Waa'ee waa xumuruu,
Waa'ee wanta dhufuu,
Waa'ee wanta deemuu,
Waa'een ardii gamaa,
Onneetti argama!
...
Gadaa
@GalaanaWalaloo
❤6👎2
9 Mar 2026, 12:41 UTC≈2,550 views7 reactionsread 19 August 2026 Ka'eemmoo....
Yaada galaasee
Dhaamsa lolaasee
Koottu jedhee osoon si waamee
Ka'ee namaan sitti dhaamee,
Dhuftee na qaanessitaa?
Moo
Haftee na yaaddessita?
Garuu anoo...
Dhuftee si simachuu
Haftee si komachuu
Addayyuun baafadhu
Namas hin gaafadhu!
Maal anoo...
Gamat hafteekee,
…
❤7
6 Mar 2026, 07:01 UTC≈2,440 views2 reactionsread 19 August 2026 Mana kan kee daaraa godhani
Gadda kan kee haaraa godhani
Dallaan kee hin arganne cufaa
Gidiraanoo ammas ammas sitti dhufaa
Mata-boowwuu laphe-gubaa
Fayye jettu si dhukkuba
Hin obbaafanne takkumaa
Darbe jettus inni achumaa
Qe'ee qabda qe'ee dhabde
Fira qabda fira dhabde
Humna qabda humna dhabde
Yaaddoo du'aa hudhaa mormaa
Biyya keetti akka ormaa
Diinqa keetti akka galtuu
Qabeenya keetti akka hattuu...
Yaa saba koo…
❤2
4 Mar 2026, 19:16 UTC≈2,060 views9 reactionsread 19 August 2026 HIN BAATU NA KEESSAA..
Yoo dacheen diigamee Uraanusiif maarsiin wal-jijjiiran bakka
Yoo addunyaan badee samiinis gad roobse dhahichaaf bakakkaa
Yoo qilleensi baramaan ammaa kun haqamee baase amala haaraa
Samiin yoo gubatee ta'ee argame daaraa
Utuma namni kun kallattii hundumaan badee hunkutaa'eeyyuu
Madaanis mala'ee ennaa didees fayyuu
Urjiileen harca'anii yoo jiinis gad bu'e
Yoo ekeraan fayyee jiraanimmoo du'e
Kar…
❤9
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @GalaanaWalaloo. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.