22 Apr 2025, 12:12 UTC180 views1 reactionsread 9 August 2026 Of komadhu, ofitti himi, ofiin loli
Of dheekkami, of gulaali, ofis qoli
Yeroo baayyee, kee haasa'i, isa sirriin
Kan kee malee, sin fayyadu, girrigirriin
Daangaa gootee, hamma keetti, of gulaalta
Naman laaltu, qixa keetti, ol utaalta
Kanaaf; ofii keen, ofirratti of adabi
Na simataa? Hiyoo taanan, daf of qabi
Of dheekkamuu bari, gaari hagan qabne, daawwitii ajabaa
Namni alaan dhufu, of baraaruun siini, dhimmi kee si q…
❤1
18 Apr 2025, 14:53 UTC177 views1 reactionsread 9 August 2026 Jalqaba keerraa hamma dhumaa
Kan bakka siifin dhabne haadhumaa
Baayyeensaanii sitti wal jijjiiira
Xiqqaattus, guddatuus,kan haadhaa garuu bakka jira
Hangam balleessitee
Namni si dhoowwatus fuulaa
Hammeessitus, bareechitus
Jaalalli haadhaa tuulaa
Nyoora sitti guuree
Eenyuyyuu siin didus ifa
Jaalalli haadhaa jalqabaa hanga dhumatti
Tasa hin jijjiirratu bifa
Isarraa duuteef jannata
Kan jirtuuf umriif khaatimaa
Jaala…
🔥1
30 Oct 2024, 09:00 UTC273 views3 reactionsread 9 August 2026 Fayyadamaa ta'uuf
Fayyadaa ta'uu qabda
Ofii kee dhabbachuuf
Dursitee nama dhaabda
~
Kabaja cimaa fudhachuuf
Kabajuun sirraa eegala
Gaarii dalaguun dhiisin
Dachaa ta'eetu siif gala
~
Dhiifama gochuu baayyadhu
Dhiifama rabbii argatta
Gurraachaf diimaan siif tokko
Namummaa yoos baratta.
Hunda biratti jaalatamuuf
Nagaya itti dhaami tuffii
Kan balleesitetu siif obsamaa
Homaa hin qabaatin nuffii
Jamaal Rashiid Jr.
@Addu…
❤3
27 Oct 2024, 08:46 UTC241 viewsread 9 August 2026 Borii kee of keessatti
Qabattee yoo deemte dura
Guyyaa tokko miidhagee
Gammachuun qalbii si fura
Gubbaan kee homaa
Yoo feetes daari
Hunda kan caalu immoo
Borii kee of keessatti ijaari
Haal-mijoo malee
Bor akka miidhaga'u
Alaa kee miti
Keessi kee haa dhaga'u..
....
Jamaal Rashiid Jr.
@Adduunyaa_Walaloo
18 Sept 2024, 14:13 UTC269 views4 reactionsread 9 August 2026 Afaaniin haasa'amus akka laayyoo
Tasan laatamu firiin kaayyoo
Jedhameef siin dhufu
Dhoorgameef hin hafu
Of kennuu, gaafata wareega
Si qormaatee, taa'emmoo si eega
Firiin kaayyoo, bu'aan akeekaa
Hirriiba keeyyuu si jeeqaa
Bilisaan kan dhufu hin jiru
Kan dhufu isaa waadee si ciru
Jamaal Rashiid Jr.
@Adduunyaa_Walaloo
❤4
12 Sept 2024, 08:40 UTC254 views3 reactionsread 9 August 2026 Waan yaade eegaluuf,
Akkam na simattaa yaa baraa?
Kan itti naaf milkooftu moo
Isa cufattee teessu karaa?
Gaaffiidhaan eegale
Turi nagaa keen daganne
Garaa natti hacuuccee
Borimmoo akka nan laganne 😊
Kan darbe darbeera
Waa'ee isa darbeen haasa'u
Hardhas si wajjiin
Kan haasa'u hin qaana'u
Bara haaraa
Bara gammachuu koo danuu
Furtuun yaadame milkaa'ee
"Baga ittiin" jedhee naaf banuu
Deemamuun ulfaatus
Bara naan laga…
❤3
21 Aug 2024, 11:54 UTC241 views2 reactionsread 9 August 2026 Mishaa jettee simatta
Isaan danuu dhimatta
Ihi, ni kolfa gaarii fakkaata
Tokko, lama jedhee siif kakata
Siif sesseeqaa hin qabu aarii
Fuullisas ni ifa akka aduu barii
Si gammachiisuf qalbii si hata
Gaafa rakkoo si waakkatee si gata
Misha kee laalanii, tokko si biran darbituu
Hedduminna sobaa, guyyaa rakkoon argituu
Jamaal Rashiid Jr.
@Adduunyaa_Walaloo
❤2
15 Aug 2024, 14:42 UTC247 views3 reactionsread 9 August 2026 Duudaa ta'ii jecha hamaaf
Sagaleenuu guddatuyyuu
Xurree abjuu keetii
Biran darbin huqqatuyyuu
Kura baayyata, dhumnisaa dhama
Hardhaa as jirta, borimmoo gama
Yoo ilaaltee kuraa ammaa
Bor dhandhamuun hin jiru dammaa
Daandiin meetira kumaa, tarkaanfiin jalqabaa
Jalqabbiin ulfaataan, bor bakka gaarii si dhaabaa
Jamaal Rashiid Jr.
@Adduunyaa_Walaloo
❤3
29 May 2024, 11:32 UTC313 viewsread 9 August 2026 Gungumee, hasaasee
Baasee garuun kana jedhuu
Sitti dhufuu sodaadha
Sirraa deebi'us hin fedhuu
Baasee sanan jedhuu
Hafuura qofan baafadhaa
Kaayyoo biraatif dhufee
Nagaya qofa si gaafadhaa
Ajaa'iba!
Kanan deeme si bira
Dhimma nagayaa mitii
Garuu gaafan achi gahu
Siin jedha akkam atii
Misaa'ela keessa koo
Boqonnaa naafin kennu na hurgufaa
Hardha nagaya sii gaafadhus
Qophaa'i bor sitti himachuuf dhufaa
Jamaal Rashi…
23 May 2024, 14:33 UTC298 views3 reactionsread 9 August 2026 Nan danqin akka dubbadhuu
Si'a tokkoof ana hubadhuu
Teessuma hin hayyamtu taanan si'aa
Inuma bari'a malee ariidhaan nuu dhi'aa
Walitti himuun dhageettin alaa
Namni osoo tokkon taane galaa
Nus wal-jifannee adda baanaa?
Moo wal dhageenyee tokko taanaa?
Asiif achi hin jennu lakkii
Nu komachaa jira keenya bakkii
Jamaal Rashiid Jr.
@Adduunyaa_Walaloo
❤3
7 May 2024, 15:19 UTC713 views2 reactionsread 9 August 2026 Garatti ji'a sagal
Ba'attee na deessee
Guddachuu koofis
Yoom boqottee teessee
~
Wlh haadha jechuun..😪
Yoon maal jedhe wayyaa?
Anoo jechan qabuu
Siif haa laatu fayyaa
Daa'imummaa irraa jalqabdee
Tasan hafne harraa
Inshaa allaah durattis
Waan gaariifaa garraa
Gaafan firoomfadhee
Biyyee isaa bubbukaa
Faanni keen hardhas
Na wajjiin sussukaa
An adduunyaa kanarraa
Jaaladhee na hammachiisuu
Milkaa'ee gaaf tokko
Isan si g…
👎2
2 May 2024, 14:01 UTC308 viewsread 9 August 2026 #Barri #ni #jijjiirama
Baratu sitti boonee
Ilkaan yaasee sitti kolfaa
Ati nama moo jedhee
Yoo fedhemmoo si balfaa
Qas qas qas jechaa
Achi baasee si lagataa
Takka sitti muldhatee
Takkaammoo si baqataa
Angoosaan, akka hin taane
Dafqisiisee si rakkisaa
Uumamtoota duratti baasee
Daandirra si harkisaa
Sin kabajuu si tuffataa
Akka waan fokkuu taatee
Boji'aamuuf jecha
Tasa akka waan as baatee 😢
Ati
hundasaa tole jedhi…
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @Adduunyaa_Walaloo. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.