1 Aug 2026, 15:35 UTC≈1,250 views17 reactionsread 21 August 2026 #HIRIYUMMAAN_MAAL_AKKA_TAHE_WAJJIIN_HAA_BARANNUU. 2025 💔 to 💕 2026.
#Akkuma_dubbisteen_gaafii_dhuma_barreeffamichaa_jiru_gara_jireenya_keettiitti_naannessii_if_gaafadhu!
®Nama hundaa wajjin jiraachuun hawaasummaa malee, hiriyummaa tahuu hin danda’u. ®Namoota yeroo dheeraa wajjiin jiraatte, hawaasummaan wajjii jiraanne jechuu dandeessa garuu hiriyummaan wajji jiraanne jechuu hin dandeessu.
®Nama kumaa wajjiin jiraatt…
❤17
10 Jul 2026, 16:34 UTC≈2,300 views26 reactionsread 21 August 2026 Of fakkaadhu/Of tahii jiraadhu
Jireenya kana keessatti wanti hunda caalu ofii taatee jiraachuudha. Addunyaan nuti irra jirru tun, addunyaa wacaan guutamteedha; namni hundi akka ati isa fakkaattuu fi akka ati deemsa isaanii hordoftu barbaada. Garuu ati eegaa eenyummaa keetiiti; kophaa kee ta'uu keetti hin dhiphatin, namoota fakkaachuufis of hin rakkisin. Sammuu keenyaa nagaa kan argatu waan gurri keenya dhagahuufi waa…
👏17❤9
Signed @@@@@@@@
29 Apr 2026, 15:59 UTC≈5,010 views37 reactionsread 21 August 2026 💋 DHUNGOO 💋
KUTAA 4FFAA
Takka ammoo sirba Usmaayyoo Muusaa,
“Ijoolleen Meettaa gamaa, ijoolleen Meettaa gamaa,
Maali ijoolleen waan fuute hin galchine? (2)
Sin dhiisu, naan dhiisini; sin dhiisu, nan dhiisini,
Yoon si dhiise abbaankoo nan dhalchine! (2)”
jedhu yaadachaa, keessa kootti gungumuu jalqabe.
Sagaleen ishee ammoo bifa isheetiin dachaa sagal caala. Yaa Uumaa! kaaniin kuma badhaasee, kaaniin ammoo tokko dhorka…
❤26👍10🥰1
27 Apr 2026, 22:32 UTC≈3,710 views17 reactionsread 21 August 2026 💋 DHUNGOO 💋
KUTAA 3FFAA
…qabadhee. Boquu koo yoon ol qabadhu, cinakoo hin jirtu. Gaabbiin mataa koo na tuqe; afuura na hanqate, muddamni koo kan duraa caale! “Maal, abjuudhaa?” jedheen of gaafadhe; garuu wantichi akkas hin fakkaatu.
Imaltoonni taaksii sana keessa turan hundi—kan fuuldura taa’eefi kan duubaa—gara koo ilaalu. “Feestala siif kenninaa?” jedhe gargaaraan konkolaataa, muddamni koo isaaf ifa ta’ee ta’a. Ani…
❤8👍6👎3
27 Apr 2026, 22:31 UTC≈2,490 viewsread 21 August 2026 Photo
Photo, posted without a caption
27 Apr 2026, 22:11 UTC≈2,460 views6 reactionsread 21 August 2026 💋 DHUNGOO 💋
KUTAA 2FFAA
Mucittiin ilkaan cabbii reefuu samii keessaa gad darbame fakkaata; rifeensi mataa ishee ammoo akka daabee leencaa fakkaata. Nyaarri ija ishee bissii garbuu irra caalaa heddummaata. Diimtuu jechuun diimtuu; hanga akkana diimattu ani dura argee hin beeku. Dheertuu akka birbirsaa leemmane tokkooti.
Qomeen isheen uffatte jilba hin darbu; sarbaa ishee hagadaa fakkaattu ifatti mul’isa. Mudhiin ishee…
❤5👎1
27 Apr 2026, 21:47 UTC≈2,440 views6 reactionsread 21 August 2026 DUBBISI DUBBISUUN NAMA GUUTUU SI TAASISAA.
#HAYYUU_TAHUU_fi_ACTOR_TAHUUN_WAAN_GARA_GARAATI:
Barataan tokko barsiisaa isaa irraa barachuun, argannoo barsiisaan isaa hin argatin argata. Sababni isaas, beekkumsa qabaachuu qofa osoo hin taane, beekkumsa sana hojiitti hiikuuf actor cimaa tahuu isaati.
Namoonni arra addunyaa teeknooloojiin badhaate tana uuman, baayyeen isaanii kaleessa barattoota turan. Barsiisonni isaan…
❤6
26 Apr 2026, 15:38 UTC≈2,700 views3 reactionsread 21 August 2026 #Wali deebinee jirra maatii channel https://t.me/asoosamaafaanOromoo
Jabaadhaa ❤️❤️❤️❤️❤️
👍3
26 Apr 2026, 15:37 UTC≈3,470 views7 reactionsread 21 August 2026 💋DHUNGOO 💋
KUTAA 1
Guyyaa waareedha; sagaleen natti dhaga’amu baay’ee bareeda ture. Sagalee sana dhageeffachaa, bifa shamarree sanaan daawwadhe; diimtuu dheertuu leemmanne tokkodha. “Waawuu!” jechaan ofittin haasa’e.
Akkaataa kamiin akka kutaa ciisaakoo seente garuu naaf hin galle. “Akkamitti seente?” jedhee gaafachuu baadhus, ittuma siiqeen ciise. Isheen narraa hin dheessine; maddiikoo na dhungatte. Guyyaan ani yero…
❤4👎3
26 Apr 2026, 15:10 UTC≈2,390 views5 reactionsread 21 August 2026 Seenaa gabaabaa kana dubbisaa!
Seenaa baayyee garaa nama nyaatuudha!
Adduun gadi lixaa jirti. Aduun dhiite sun halluu dhiigaa uffattee dacheetti nagaa dhaamaa jirti. Warshaa foonii guddaa sana keessatti immoo hojiin xumuramee hundi gara manaatti qaceeleera. "Ayyaantuun" hojii ishee xumurtee, meeshaa tokko deebisuuf kutaa foonii isa qabbaneessaa (freezer) sanatti ol gorte.
Tasa... qilleensi hamaan hulaa sana duub…
❤3🔥2
26 Apr 2026, 14:35 UTC≈2,050 views13 reactionsread 21 August 2026 Faayidaalee fuudhuun fayyaafii jireenya keenyaaf qabu.
************
1. Amaloota badoo ta'an fi araada gara garaa namarraa nama ittisa(Farsho, Sijaaraa...)
2. Carraa dhibee faalij (stroke)n qabamuu ni hir'isa.
3. Namootni gaa’ila keessa jiran/turan carraan dhibee sammuu baratamoon (mukuu, dhiphuu, yaaddoo) qabamuu isaanii hir'ataadha. Yoo qabamanis dafanii dandamatu.
4. Umrii ni dheeratu, keessattuu dhiirti fuudhe ka…
❤11👎1😁1
25 Apr 2026, 21:28 UTC≈2,160 views18 reactionsread 21 August 2026 SEEROTA DINQISIISOO KOORIYAA KAABAA 🤣
1. Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa.
2. Kooriyaa kaabaa keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru
3. Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.
4. Kooriyaa kaabaa keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi …
❤17🥰1
Showing the 12 most recent of 20 posts we hold for @asoosamaafaanOromoo. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.